QABSOON KAN ISA LOLUU IMMOO KAN ISA OLOLUU TI ?

Muddee 09, 2017 | Damee Boruu Irraa

Jala bultiin cidha hooganoota OPDO fi uummata Oromoo waan raawate fakkaata. Waangonni gogaa hoolaa ufatanni hoolota wajjin yaroo gababaaf daadisaa turan suuta suuta ifa bahaa jiru. Eeyyee warri Habashaa uummatni Oromoo gowwaa dha jedhanii fudhatau. Irra darbanii iyyuu uummata akka horii namni tokko gara barbaadetti oofuu danda’u jedhanii nu arabsu. Nu xiqqeessu yaalu.
Sabni Oromoo uummata nagaa jalatu. Uummata hammeenya tokko illee dhala nama kam irraan iyyuu gahuuf hawwii hin qabne dha. Nagaa jaalachuun, nama biraa miidhuu fedhii dhabuun akka dadhabbii itti ilaalamee tufatamuu hin qabnu. Garuu yaroo qabeenyi keenya saamamu, ilmaan keeny nu jalatti ajjeefaman teenyee boo’uun hikaa hin qabu. Diinnii nu qabate kun imimaan keenyaa fi gadda keenya ilaalee kan garaa nuuf laafu miti. Kan lafa keenya irraa nu haxxaa’ee nu balleessuuf deemu akka tahe bakka jira. Irra deebinee , dedeebinee waliif ibsuun barbaachisaa miti. Har’a isa iji isaa argu miti jaamaan Oromoo iyyuu haqa kana akka hubatu mamii hin qabu. Akeekni TPLF sanyii Ortomoo jedhu lafa irraa balleessu dha. Seena biyyaa lafaa keessatti saboonni eenyummaan isaanii bade hedduu dha.

Diinaaf jilbeefachuu fi gabruun tasa nu hin baasu. Utuu of irratti lolannuu dhaloota boruuf seenaa gootummaa dabrsinee darbuun filmaata keenya isa duraa tahuu qaba. Qarree fi qeerroon Oromoo hark qullaa diina kana falamaa umurii isaanii lataatiin aarsaa tahanii qabsoon Bilisummaa ABO hooggannamuu akka Oromiyaa guutuu keessatti finiinu taasisuun faajjii bilisummaa dahaloota jiruuf dabarsanii darbaniiru. Booreen keenya akeeka isaan kufani bakkaan gahuu dha.
Ilkee diinaa kan ofirraa buqqisuu dandeenyu lolaan duwwa dha. Haala naannoo  Gaafa Afrikaa rakkisaa tahe keessatti ABO waggaa afurtamaa ol diina uummata Oromoo kufisaa fi kufaa as gahee jira. Qaroon ilmaan Oromoo hedduun itti waregamanii jiru. Har’as WBOn uummata isaati makkamuun diina irraa qulataa jira. Abbaan qabsoo isaa uummata isaa wajjin dhaabbatee lollee, loshisee dhiiga isaa diirree irratti lolaasaa jiru ti.
Kaan ganaumama tokko ka’ee ololaan abbaa qabsoo tahuu yaada. Utuu ololli abbaa qabsoo nama godha tahe maaliif lola seenanii dararamuun barbaachisaa taha?  Horii walitti qicanii meeshaa oduu tamsaasuu kana bitatanii oduu afufaa oluu dha. Oduu afuufun diina uummata keenya irraa kaasu miti mataa dhukkubi iyyuu itti fiduu hin danda’u. Olollli godhamu iyyuu utuu diina uummata keenyaa irratti godhamee waan tokko. Ololli  godhaan godhamuu ABO, WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti tahuun waan baayyee nama ajaa’ibu dha. Ololli  kun isa madda jennee of gaafachuun karaa dha. Karaa tokko jibbinsaa irraa kan ka’e tahuun ni mala. Jibbinsis sababa adda addaa irraa madduu danda’a.
Waan dagatamuu hin qabne garuu hundeen olola kana diina biraa akka maddu dha. OPDOn ergamtuu TPLF akka taate wal nama hin gaafachiisu. Akkuma kana OPDOn illee ergamtoota mataa ishee biyya keessaa fi alatti hedduu facaafatee qabdi. Warri qabsaawwota Oromoo fakkaatee  qabsoo uummatni Oromoo ofaa jirutti bishaan naqaa oolu ergamtoota OPDO ti. Ergaa isaanii inni duraa humna qabsoo bilisummaa hooggannaa jiru, ABO irraa eegalee ijaarsota Oromoo hundaa akka jireetti ololanii uummata Oromoo abdfii kutachiisuu dha. Inni lammaffaa OPDOn qabsoo uummata Oromoo kana bakkaan gahuuf akka dandeetti qabduu fakkeessuu fi akka uummatni Oromoo OPDO ammanee jala deemu dhiiba gochuu dha.
Hooggantoonni OPDO illee haala kana itti fayyadamuun waan uummatni Oromoo barbaadu afaaniin dubbachuudhaan uummaticha burjaajessuu yaalaniiru. Garuu rakkinni isaanii inni duraa waan afaaniin dubbatan hojiin agrsiisuu dadhabuu tahee aregmee jira. Uummatni gootota keenya jedhee yaroo isaan faarsaa dhaquu isaan bakka uummatni isaan keewwate hin jiran. Bakkumaa dur turan sanatti deebi’anii goofta isaanii TPLF tajaajilaa jiru.
Mee maaloo Oromooti warri qara ofiin jedhanii ololaa ofaa oolan yoo fedha isaanii tahe gaafii kana uummata Oromoof haa ibsan. Abbaa Dulaa fi Abbaayee Tsayi jidduu, Lamma Magarsaa fi Getachow Assefaa jidhuu, Dr. Abyi Ahmed fi Dr. Debteraasiyoon Gebremika’el jiddu gargaarumaa jiru adda baasanii nuu hubachiisuu danda’uu?  Warra kaayyoo tokkoo fi mootummaa tokko qabu jidduu  garagrumaa qabu jenne of gowwomsnuu? Warii kun jalqabaa kaasanii amma har’a waliin qabeenyaa Oromoo samaa fi saamsiisaa, lafa isaa irraa buqqisaa fi buqqisiisaa, hidhaa fi hiisiisa, ajjeessaa fi ajjeesiisa as gahan. Har’aan kana maaalitu haaraa tahee hooggantoota OPDO kana irraa uummtni Oromoo bilisummaa akka gonfatu kan ololamuuf? Tarii akkuma warri Habashaa yaadan isaanis uummtni Oromoo gowwaa dha jedhanii yaadu?
Waan haaran yoo jiraate qabsoon uummata Oromoo jabaachaa dhufuu fi uummatni Oromoo harka wal qabatee diina isaa irratti ka’uu dha. Haalli kun marsaa  diinaa keessatti naasuu guddaa uummee akkaata itti uummata keenya deebisaanii jilbeefachuu danda’an irratti haxxummaa fi malaamaltummaan toora hundaan qabsoo keenya irratti shira xaxxaa jiraachuu isanii ni agarra. Yoo ija keenya bannee, sammuu qulquulluun fuula keenya dura ilaaluu hanqanne qamaaxura diinaa keessatti kufnee hafna.
Yaroo TPLF tibirbirtee kufuu kaatu OPDOn amma TPLF of qartee, of haaromstee bifa  haaraan as baatu akka uummatni Oromoo  yaroo kennuuf gaafate argatee jirti. Yaa Uummata Orommo kunoo yaroon atii OPDO amantee yaroo kenniteef rawwate . TPLF if OPDO walii galanii dhiiga ilaamaan kee akka lola dhangalaassuuf qopha’anii jiru.  Lola murteessaaf ykn teessee boo’uu fi gadduu of qopheessuu dha. Filmaatni biraa hin jiru.
Gadaan Gadaa BIlisummaa TI!
                   Injifannoo Uummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment