Seenaan Suukkanneessaa Anoolee Fi Calanaqoo Kaleessa Minilikii fi Goobanaan Oromoo Irratti Gaggeeffame Har’an TPLF fi Suphitoota TPLFn Gaggeefamaa Jira.

Muddee 12, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Finfinnee, Oromiyaa Irraa

Seenaan Suukkanneessaa Anoolee Fi Calanaqoo Kaleessa Minilikii fi Goobanaan Oromoo Irratti Gaggeeffame Har’an TPLF fi Suphitoota TPLFn Gaggeefamaa Jira.

“Maatii Ilmaan Oromoo marraa 2ffaaf Calanqootti dhumanii akkasumas ummata Oromoo gadda kanaan qalbiin cabeef jajjabina hawwina”
Yakka suukkanneessaa guyyaa har’aa Calanqo irratti ta’e guutuu ummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan gaddisiisee fi laalaa Seenaa sukkanneessaa baroota 1880 moota keessa Anoolee fi Calanqoo keessatti Nugustichi yerosii Minilkii fi Goobanaan Oromoota irratti taasisan kan nu yaadachiisu dha.

Bara 1880moota keessa mootiin Amaaraa yerosii Minilik Goobanaa qabatee ummata Oromoo irratti yakkoota inni dalagee,dhumaatii bara san Oromoota kuma dhibbootaan lakkaawaman ajjeessuu, hidhuu fi garba godhee biyya fagoo fi biyya keessatti gurguraa turan kiyyoo gabrummaa hanga har’aatti keessa seenne miidhama hiriyyaa hin qabne saba Oromoo irratti fidee jira.
Har’as haala bulchiisa Habashootaa dhufaa darbaan Oromoo irratti ta’aa tureen wal fakkeessuun Wayyaanee TPLF jaarmiyaa OPDO qabatee seenaa Calanqoo marsaa 2ffaa deebisuun ilmaan Oromoo duuchaatti ajjeessuun gochaa sanyii dugiiggii raawachaa jira.
Bara darbe Irreecha Arsadee irratti Oromoonni 700 ol yeroo guyyaa tokkotti badii tokkoon malee mootummaan TPLF fixan ummata Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiran mara gaddisiisaa turuun ni yaadatama,bara kanas 2017 dhumaatiin Oromiyaa keessatti ta’aa turee, beelli gadadoo, hidhaan, saamamuun qabeenya Oromiyaa lamuu akka ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti hin deebineef hoggana BNO jijjirre jechuun hoggantooti OPDO waadaa irratti waadaa seenaa turan,haalli kun ta’uu hanqatee roorroon ummata Oromoo irratti daranuu hammaachaa deemaa jira. Hidhaa,ajjeechaa, dachii dhaloota isaa osoo hin jaallatiin buqa’uu, saamamuu fi biyyaa godaanuun kan durii irratti daran hammaachuun beekamaa dha. Ummanni keenya obsaan guyyaa irraa guyyaa keessa ni jijjirama jedhee osoo eeguu foddaa media irratti aanantu samii irraa gadi isinii rooba jedhanii abdii sobaan guutamee hagabuu bulaa akka inni mootummaa EPRDF ykn Wayyaanee irraa jijjirama abdii sobaa eegu gochuuf dabballooni isaanii OPDON akka ummata doggoggorsaa jiran beekamaa dha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo baroota 7 darban Oromiyaa guutuu keessatti diddaalee sirna Wayyaanee gaggeessuun sagalee Oromoo aduunyaa guutuutti dhageessisuu fi ummanni Oromoos yeroo irraa gara yerootti dammaqee irraa jalaan akka mirga isaa falmatu taasisuun wareegama guddaa kafalee jira. Dheebuu bilisummaaf jecha wareegamni ummanni Oromoo baasaa jiru kun kan homaa itti hin fakkaanne Wayyaaneen TPLF har’as tuffii fi maaltu na dhibee dhaan marsaa 2ffaaf Calanqoo irratti lubbuu ummata qulqulluu hanga ammaatti 50 ol baasee jira,hedduu Oromootaa madeessee jira. Haalli kun saba Oromoo gara malee kan garaa madeessuu fi kan gaddisiisu ta’u iyyuu qabsoo irraa akka duubatti isa hin dhaabne beekamaa dha.
Dhumaatii guyyaa har’aa Calanqoo irratti ta’e fi wareegama yeroo adda addaatti ummata Oromoo irra gahaa jiru irratti hundaawuun gaddii fi sanyii Oromoo duguuggaan akkasii akka lamuu Oromoo irratti hin raawatneef jecha Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabxiilee armaan gadii dabarsa.
  1. Walumaa gala Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo itti jiru daran jabeessuun guyyaa har’aa irraa kaasee Fincila Xumura Gabrummaa Oromiyaa mara keessatti caalaatti itti fufuu fi caasaan Qeerroo sabboontota Oromoo Hojjettoota Mootummaa, waraana fi Poolisa Wayyaanee keessa jiran amma irraa kaasee gara fincila ummataatti sochoosuun gabrummaati xumura gochuuf qophii jiru irra daran dacha dabaluu keenya ummata Oromoo beeksifna.
  2. Hoggantooti OPDO erga ummata Oromoof waadaa afaanii seenuu eegaltanii bubbulee jira,hanga ammaa jijjirraa muldhataa lafa irratti tokko illee muldhatee hin jiru, Qabeenyi Oromiyaa kan lafa irraa fi lafa jalaa inversteroota alagaan samamaa jira,Oromoonni mirga falmatan mana hidhaa keessatti dararamaa jiru,ummanni keenya duula Somaalii fi poolisa federaalaan qe’ee isaa irraa buqa’ee mankaraaraa jira,beelli gadadoon saba Oromoo irraa hin hafne,kanaaf jijijrraan isin afaaniin ummataaf waadaa seentan bulee osoo hin ooliin akka hojiin ummata Oromoo muldhiftan akka ta’u gadi jabeessinee isin beeksifna.
  3. Ummanni Oromoo biyya alaa fi keessa jirtan,Sochii Qeerroon Bilisummaa Oromoo itti jiru daran jabeessaa waan jiramuuf deggersii fi tinni’isi isin gochoo qabdan daran daran jabaatee itti fufuu qaba. Deggersii siyaasaa fi haamleen Qeerroo cinaa dhaabbattan qabsoo Oromoo saffisee bakkaan gahuuf murteessaa waan ta’eef xumura gabrummaaf bakka jirtanitti if qopheessa.
  4. Humnootiin qabsoo bilisummaa Oromoo haqaa irra jirtan,sabaa fi sablammiin fira qabsoo Oromoo taatan fi hayyooti Oromoo biyyoota alaa jirtan haala yeroo amma biyyatti Itiyopiyaa jedhamee waamamu keessatti Oromoon ta’aa jiru xumura itti gochuuf diddaa sirna gabroomfataa ummanni Oromoo taasisaa jiru waliin qabsaawuu irratti sochii biyya keessaa taasifamaa jiru akka cinaa dhaabbatanii fi jala bultii xumura gabrummaa akkasumas kufaatii sirna nama nyaataa Wayyaanee irratti Qeerroo Bilisummaa Oromoo cinaa akka dhaabbbatan kabajaan isin gaafanna.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Injifannon Ummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa
Muddee 11,2017 

No comments:

Post a Comment