Ajjeechaa Calanqoo: Warra tokko keessaa nama shan

Muddee 14, 2017 | BBC Afaan Oromoo

Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa yoo xiqqaate namoota nagaa 16 ajjeesuun hedduu ammo madeessee jira. Kanneen keessaa namootni 5 warra tokko.

Saalii Hasan Ibroo fi Abdii Saalii abbaa fi ilma, obbolaawwan lamaan Mikaa'el Abdii Hasan fi Toofiiq Abdii Hasan akkasumas Abdallaa Iisaa hunduu warra tokko.

Abdii Saalii fi Toofiq Abdii umuriin isaanii mana 20 keessa jira, Mikaa'el Abdii ijoollee ganna 15 yoo ta'u Saalii Hasan Ibroo fi Abdallaa Iisaa manguddoota ganna 50 hanga 60 akka ta'an miseensa warra kanaa kan ta'e Abdusalaam Abaadir Hasan BBC'tti himee jira.
Jarri kun hundi gaafa san magaalaa Calanqoo irraa tilmaamaan kiiloomeetira 6 fagaattee kan argamtu bakka Ija Dheeraa jedhamtutti marroo walii baahanii guuza yookan daboon mishingaa muruutti turani jedha.
"Gaafa waraanni dhufu ijoolleen karaa cufaa turte walitti bilbiltee jalaa maqxe, achumaan warra oomishatti jiru ooyiruu keessatti bikka ciqilfatanii turanitti rasaasaan dhawanii ajjeesani."
Isaan ijoollee oriitee fi waan magaalli itti jirtu waan takka quba akka hin qabnes ni hima.
"Bakki jireenyaa fi oyiruun walirraa fagoodha, jarri ooyiruu deeman ni jiruu jennee yeroo dhaqnu tokko lubbuun keessa hin jirtu, bakkuma dhawaman sanatti kufanii agarre," jedha.
"Tokko mataa keessa dhawame, tokko ammo cinaacha fi dugdarra bakka sadii rasaasni kan itti deebiteetu jira," jedha.
Warra tokko keessaa namoota shan ajjeefaman
Goodayyaa suuraaWarra tokko keessaa namoota shan ajjeefaman
Kan ajjeesan caalaa ammoo bakka silaa itti awwaallachuu feedhan irraa ooraalii fi meeshaa waraanaa gurguddaan dhorkanii bakkuma kaanitti akka awwaalanis nutti himeera.
Gaafa awwaalchaas rakkoon guddaan akka ture dubbata.
"Akka nama humna waraana diinaa biraa cabseetti alaabaa federaalaa hidhatanii yaa'an, nuyi mormii hin qabnu, alaabaa Federaalaa duraanuu hidhannee ittiin barataa jirra," jedha Abdusalaam.
Humni raayyaa ittisa biyyaa magaalaa Calanqoo keessatti ajjeechaa kana raawwate beekamtii mootummaa naannoo Oromiyaa malee akka ta'e ibsa OBN'f kennaniin Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa beeksisanii jiru.
Ajeechaa kana cimsanii kan balaaleffatanii fi qaamota ajjeechaa kana raawwatan seeratti dhiyeessuufis, koreen dhimmicha qulqulleessu hundaa'ee hojiitti galuu isaas himaniiru.
Ka'umsi ajjeechaa kanaa aanaa Meettaa araddaa Sarkamaatti liyyuu poolisiin Somaalee nama tokko ajjeesuun wal qabatee mormii uummataa ka'e yoo ta'u namoonni raayyaa ittisa biyyaan tarkaanfiin irratti fudhatame hedduun garuu namoota mormii kana keessatillee qooda hin qabnedha.
"Nama waan siyaasaallee quba qabanii miti, sababa isaan itti ajjeefaman namni nutti himes, ta'e qaamni dhufee nu dubbise tokko hin jiru, nus qaamni itti iyyannuu maaltu jira, rabbumatti ol-iyyannee, sabrii wal-sabbarsiisaa jirra," jedha Abdusalaam.

No comments:

Post a Comment