Waamichaa Hiriira Nagaa Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaaf

Sadaasa 28, 2017 | Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mandhee Jimmaa Yuunibarsiitii irraa

Akkuma beekamu guyyaa uummanni Oromoo garbummaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti cunqursaa, doorsisni hidhaaf ajjeechaan, raawwachaa ture raawwachaas jira.
Oromoon garuu; mirga isaa kana kabachiisuuf mirga abbaa biyyuummaa kabachiifachuuf qabsaa’aa ture qabsaa’aas jira. Tibba kana immoo wanti Uummata keenya daangaa irratti raawwachaa jiru, akkasumas gochi garajabeenyaa kan uummati marti balaaleffatudha. Kanaaf ijaaf sagalee uummatichaa kan taanee miiraaf yaada tokkon waltaa’uun gaaffilee armaan gaditti tarreeffaman bu’uura godhanne hiriira ba’uun gaaffii nii gaafanna.

Gaaffiileen kunis :
  1. Afaan Oromoo Afaan hojii Yuunibarsiitii Jimmaa haa ta’u!
  2. Muummeen Afaan Oromoo cufamaa jiru hatattamaan furmaata argachuu qaba!
  3. Muummeen Folklore Oromoo cufamuusaa gadjabeessinee mormina!
  4. Waraanni Naannoo Oromiyaa fi Mooraa barnootaa keessaa ba’uu qaba!
  5. Weerarri daangaa Oromiyaa haa dhaabbatu!
  6. Hidhamtoonno siyyaasa Oromoo haa hiikaman!
  7. Barattoonni keenya sababa gaaffii mirgaa gaafatan qofaaf hidhamaa jiran halduree tokko malee haa hiikaman!
  8. Uummattoonni keenya naannoo Sumaaleerraa buqqaa’aniif buqqaa’aa jiraniif hatattamaan qubsumni ykn manni jireenyaa haa laatamuuf!
  9. Dhaabni siyyaasaaf waajjirri siyyaasaa mooraa keessaa ba’uu qaba!. 
  10. Barataan hogganaa dhaabni siyyaasaa muudeen osoo hintaane nama ofiin filateen buluu qaba!

“Qaamni waliif hindhiigen Qeensa Xurii baatu qofa”
Qeerroo Bilisummaa Oromoo mandhee Yuunibarsiitii Jimmaa irraa
Sadaasa 27, 2017
Jimmaa Oromiyaa
No automatic alt text available.


No comments:

Post a Comment