SEENNAA GOOTAA ILMA OROMOO AADAM DHEEREE

Onkoloolessa 03, 2017 | By Shukrii Mohammed Umaraa

Maqaan isaa Guutuun Aadam Aliyyee Boruu Callaa ja’ama, Garuu Maqaan inni Ummta Oromoo biratti beekkamuun Irra Caalatti Aadam Dheeree jechuudhaan beekkama.
Aadam dheereen bara 1979tti baha Oromiyaa Aanaa Mi’eeyso, Asaboot Diida Diinnii Ganda Sallaanii/Tiyfattuu Dirree Qaalluu bakka Ja’amtutti, Abbaa isaa Obbo Aadam Aliyyee Boruutii fii Haadha isaa Aadde Maxeebiilee irraa dhalate.

Aadam dheereen Obboleeyyan dhiiraa 6 fii Shamarranii 5 qaba. Xiqqeenyummaa isaarraa Re’ee, Loonii fii Gaala Tiysaa hanga Umrii Waggaa 16 gehutti Maatii isaa gargaaraa ture.
Hoggaa Umriin isaa 17 gehu 1996tti Gootummaa qaburraa kan ka’e Qabsoo Oromottiin dabalama je’ee Manaa bahe. Yeroo sanitti Umriin isaa Daa’ima Waan taheef osoo deemuu Kara deemu Wallaaluun Karaa irraa badee Dargaggoota Lama karatti wal arkee wal bareen. Dargaggoonni Lamaaniis Musxafaa Fii Jamaal kan jedhaman, isaaniis Warra Harargee Bahaarraa osoo Mootummaan barbaadamanii jala baduun kharaa Jibuutii deemna je’anii deemaa jiraniidha. Inniniis Dargaggoota kana Jala hin hafu je’ee achumaan gara Jibuutii Imalee achu Jibuuti Seene.
Jibuutii Keessatti Osoo namaaf hojjatuu Afaan Somaalee Fii France akka Gaaritti barate. Jiruu biyya Saniitii Fii Jiruu biyya teenya Yeroo wal bira qabee Laalu Warri isaanii/Oromoonni Gabrummaa Hamtuu keeysa akka jiraniis hubate. Achumatti Haadha warraa isaa tan Jalqaba Godhate wajjiin waa’ee kanaa wal marihachuun biyya teenyatti gallee biyyaaf Qabsaahu qabna jechuun waliif galanii 2005tti erga Waggaa 9 achi ture booda gara biyyaa as deebi’an. Bara 2005 Galee isuma Waa’ee Qabsoo yaaduu dabarse. Bara 2006 Isuma namoota Walitti Qaqqabatee Waa’ee kana Marihaachiisa jiru Lolli Maqaa Liyyuu Police ja’amuun Bordodde buqqisuuf Ummata keenya irratti baname. Inniis namaoota Jaare keeysa kan akka isaa kan itti Amanu Goota Oromoo kan yeroo San Lola Sanirratti Wareegamuuf tahuu Goda hiddaa irraa fudhachuun Gara bordoddee Qajeelan.
Namni yeroo Jalqabaatiif federaala dura dhaabbachuun dhukaasa itti bane isaa fii Goota Gaafas Wareegame Umar Martuudha. Umar martuu fii Aadam dheereen Hawaasa of Jalaa qaban waliin Federal polisii Liyyuu Polisii akka malee Kukuffisuun bardodde irraa erga baasan Waraanni biraa duubaa dhahuun Gooticha akka isaa Umar Martuu biraa ajjeesan. Yeroo Umar dhayamu inni akka Malee Geeyraree Loltoota waliin jiran Hamilee itti godhee Waraana duuba itti dhufees Cabsuudhaan Bordoddee nu dhaaluuf ka’an nuuf hambisan.
Baruma san keeysa Sooreyyootni Oromoo Qofti warri karaa deeman Bordoddee fii Dirree Qaalluu Jiddutti Qaama hin beekamneen akka malee Saamamaa fii ajjeefamaa turan. Sooreyyonni kun Warra Harargee Lamanii hanga Aadamaa fii Finfinnetti Horii fii waan gara garaa daldalaa turaniidha. Isaan Keeysa kaniin an beeku kan Bordoddee fii Dirree Qaalluu jiddutti Lubbuu isaa dhabe Sooreysa Asaboot yeroo sanii kan tahe Abbaa Hiyyeessotaa Mohammed Aadam faa dha Rabbi Jannataan haa Qaniiniisuu. Aadam dheeree Roorron tun akka Malee isa butuun Shiftoota achitte galee Oromoota fixaa ture san dhabamsiisuuf Kilaaah isaa Fudhatee Mudhii isaa Sinnaaraan Gil godhatee hidhatee itti lafa ka’ee yeroo san Kaan ajjeesee kaaniis achii baafachiise……………………
Seenaa yeroo dabartee keessatti Gootni kun Lola bara 2006 bordodde irratti Maqaa Liyyuu Polisiin Ummata Oromoo irratti Labsame injifatee achi boodas Warra Dirree Qaalluutii fii Bordodde juddutti Maqaa Shiftoota jedhuun daldaltoota Oromoo hedduu Saamaa fii galaafataa turan akka dhabamsiisee fii waan biraallee hedduu waliin laallee turre. Arra immoo kutaa Lammaffaa keeysatti waan Sanirraa hafe Waliin laalla.
Aadam dheereen Abbaa Dhiira 2 fii Dubra 7ti. Maqaan Haadha Joolle isaa/Haadha Mana isaatiis Safoo Husseen Ibroo jedhama. Maqaa Joollee isaatiis Hangafa irraa Gara Quxusuutti;
1/ Mooniisaa Aadam Aliyyee Boruu
2/ Ayishaa Aliyyee Boruu
3/ Makkaa Aadam Aliyyee Boruu
4/ Hawwiilee Aadam Aliyyee Boruu
5/ Hamdiya Aadam Aliyyee Boruu
6/ Galmoo Aadam Aliyyee Boruu
7/ Kuuullee Aadam Aliyyee Boruu
8/ Abdurazzaaq Aadam Aliyyee Boruu
9/ Sumeyyaa Aadam Aliyyee Boruuti.
Aadam dheeree Abbaan Isaa Obbo Aliyyee Boruu Callaa bara 2001tti isaa biyya Ormaa jiru duuba Du’aan Boqatullee Haadha isaa immoo erga biyya Ormaati Oromiyatti galee Hanga Oromoof Wareegamutti waliin jiraachaa ture.
Aadam dheereen Obboleeyyaan isaa kan waliin dhalatan dhiira 7 fii Dubartoota 8ti, hundi isaaniitiis lubbuun ni jiran. Isaaniis;
1/ Muhammed Aliyyee Boruu Callaa
2/ Abdurahmaanee Boruu Caallaa
3/ Yuusufoo Boruu Callaa
4/ Usmaanaa Boruu Callaa
5/ Abdallaa Boruu Callaa
6/ Muussaa Boruu Callaa
7/ Ibraahim Boruu Callaa
8/ Faaxee Boruu Callaa
9/ Faaxee Boruu Callaa
10/ Haawaa Boruu Callaa
11/ Zaahraa Boruu Callaa
12/ Hindoo Boruu Callaa
13/ Nuuriyaa Boruu Callaa
14/ Moonisaa Boruu Callaa fii
15/ Aammuu Boruu Callaa ti.
Gootni ilma Oromoo Aadam dheereen Lola Bordoddee irratti Labsame Moohatee San boodaas Lola baayyee irratti Hirmachuun waan Injifannoon Galaa tureef OPDO n, Sodaachuudhaan akka Qaama isaanii tahuuf bara 2007tti Milishaa Araddaa godhanii Qawwee dhunfatti duraan Qabu irrattiis takka tan isaanii dabalaniifii Bara 2008titti akka Bulchaa Araddaa Dirree Qaalluu tahu isa Muudan. Yeroo san akka arraa kana osoo hin taane, Yeroo Kabinoonni fii Gaggeesitoonni Mootummaa Hundi Qajeelfama Gubbaa Irraa TPLFn, itti gadi kennamu Maaliif, akkamitti osoo hin jenne akka ajajni Gooytaan Gubbaa gadi itti dhufetti “Hayyee ni Raawwanna, ni Raawwachiifna” jechuun fudhachaa turaniidha. Garuu Aadam dheereen Isaan Kana irraa adda ture, Aangoo Xiqqoo qabu osoo hin tuffatin Gootummaa Qabuun isaan dura dhaabbatee Nama Falmaa fii “hin fudhadhu” je’ee didaa tureedha. Yeroo Sanittiis Ummata Oromoo walirratti jaaruu osoo hin taane Mootummaa irratti nama Qindeessaa ture waan taheef, Bara 2010tti Isa Shaaran.
Erga buusan booda Qawwee teenya nuuf Deebisi yeroo jedhaniin “Dhiira taatan koottaa fudhaa” jedheen, Isaaniis ofii isaaniitiif waan Sodaataniif Federaal Polisii itti yaaman. Federaal Polisiin yeroo itti dhufanii “Aatte Min Hoone” Ja’aniin, Inniis “Ani Oromoodha, Oromiyaa kheeysaan jira, Haajan isin gootu Afaan kiyyaan na dubbisaa” je’een. Fedeeral Poolisiiniis yeroo inni Dubbii Jajjabduu itti dubbatuu Qawwee itti nyaachifatn, inniis Tiyyaa bahaa je’ee Yeroo harka irratti Kilaash isaa jiiyfatuu isaaniis dhiisanii Ofumaaf isa baqatan.
Yero achirraa bu’u Aadam dheeren Halkan Chinaa Cirracha achii qabdu Security tahe eegaa Guyyaas Salfa/Duula Wajjiin bobbahuun Qabeenyaa fii Hawaasa isaa eegaa ture. Osuma Inni akkasitti Jiraataa jiruu OPDOn Oromoo OPDO Somaaleetiin akka Malee Roorrifamtee waan jirtuuf Gootummaa isaatiif Yeroo Lammaaffaaf isa kadhattee Akka inni Yeroo Lammaffaaf bulchaa Araddaa tahee isaaniis eegu bara 2012tti irra deebi’anii bulchaa Araddaa godhuun isa Muudan. Innis Ummata hedduu walitti Ijaaree yeroo OPDOn Somaalee OPDO Oromoo irratti Mi’eeysoo dhufuun lola bantuu Lole lolchiisuun Mi’eeyso Qulqulleesse.
Aadam dheereen bara 2007 yeroo Gowwa ajjees Dirree Qaalluu dhufuun dhukaasa Oromoota irratti banu nama Gowwajjees dura dhaabbatee dhukaasa itti banuun akka isaan bakka san hin Qubanne godhee tureedha.
Aadam dheereen Osoo Umar Martuun Lola bara 2006tti bordoddotti godhame irratti biraa hin Wareegamin dura Zahiba teroo lola isa Godhachaa ture. Garuu erga inni Wareegamee booda Aadam dheereen Obboleeysuma isaa Goota akka isaa Tokko Sahiba Lolaa godhate, Obboleeysi isaa kuniis Muhammed Aliyyee Boruu jedha.
Aadam dheereen Lola Burii Bakka Haxaawwii jedhamtuutti Gaafa Gurraandhala 23/2017tti Oromoota Horii tiyfatu irratti Humna addaa Liyyuu Police jedhamtuun godhame irratti Obboleeysa isaa Goota akka isaa kana fii Oromoota biraa waliin dirmatanii Qawwee Maxaraayyas 3, Kilaash Miil Lammii 4, Makiinaa Jarri deemuun 1 fii Xiyyitii hedduu boojihuun jaraas hedduu galafatanji Injifannokn Galan. Lola sanirratti Obboeeysi isaa Gootni saniis harka irra dhawame akkusmatti baaffatee hafe.
Lola san Oromoonni Injifannaan Federaal Poolisiin dhuftee “Waan kaan fudhadhaa, Makiinaa isnirraa fuunee Galii Federaala Goona” fidaa jechuun Aadam dheeree gaafatan.
Aadam dheereeniis Bulchaa Araddaa tahullee isaan dura dhaabatee “hin tahu hin kennu koottaa na ajjeesaa fuudhaa” jedheen. Isaaniis Aadam Dheeree Sodachuun Makiinaas ifirraa dhiisanii bakka irra dhufanitti deeb’an.
Gootni kun Qaamaa Mootummaa tahee akka Abba Araddatti hojjachaa Makiinaa boojihe saniin nama dhukkube, Dubartii dhala irratti miidhamte kaffaltii tokkoon Malee Gara Buufata fayyaa Asabootii fii Hospitaala Ciroo geeysuun Hawaasa naannoo sanii tajaajilaa tue. Ummataas Walitti Qabee Lafti tun teenya ta Oromooti Abbaa Feetan hin Sodaatina Irratti dhumna Jechuun Ummata Waan baayyee Gorsaa ture.
Gootni kun erga biyyatti deebi’e Lola hedduu irra Qooda fudhachaa injifannoooniis Galaa akka ture namni isa beeku ni beeka. Dhiheenyuma kana Lola Deddeebi’ee Aanaa Mi’eesoo Fii Gumbii irratti Godhamaa ture irrattiis adda durummaan hirmaachaa osoo Jiruu Guyyaa Lola Guddaa gaafa Saftii 15/9/2017 Bordodde bakka taa’aa Ja’amu irratti Osoo federaal Polisiin “Aadam ati Bulchaa Araddaatii Miseensa keenyaa Lola kana irratti hin hirmatin” Jettuu Lola san irratti hirmaate.
Inniis Lola san irratti Liyyuu Poolisii hedduu galaafatee injifannaan Fereraal Poolisiin dirmattee Isaa Quba hin qabne Haalalaa Meeshaa Guddan dhahuun akka malee miite. Inniis Liyyuu Poolisii Malee Federaal Poolisii 2 Galafaatee, Guyyuma Sanbata Gaafa 15/9/2017 Lubbuun isaa karaarratti baate.
Aadam keenya bakkuma dhayxetti Lubbuu tee Rabbiin jannataan Haa Qaniisuu!!
Xumure.
Barreeysaa Fii Qopheeysaan Seenaa tanaa Shukrii Mohammed Umaraati,
Namoonni Seenaa tana irratti na gargaaruun an isaan Galatoomfachuu fedhu;
Afran Qalloo kan Aadam dheereen Eeysuma tahuuf,
Ahmad Yasin Gaazexeysaa Nuural Hudaa,
Alii Abrahim Adem Sahiba kiyya.
Fuulbana 30/2017

No comments:

Post a Comment