Sagal Obsinee, takkaa Duullaa! Sagal safarree, takkaa Murraa! Sagal of-eeggannee, takkaa haleellaa Sagal qiyyaafannee , takkaa adda keessa buufnaa!!!

Onkoloolessa 13, 2017 | SEENAA Y.G (2005)


Utubaan Manni Oromoon ijaarrachuuf deemuu gadi dhaabbateera. Irree jabaan dhaabbate. Eenyullee buqqisuu mitii, raasuu hin danda’uu. Dagaleen Utubaa walitti qabuus akkasuma rukutamee dhumeera. Hojii itti aanuuf maaltu nu barbaachisaa? jennee mana keenya xumuruu qofaatu nu hafa. Qabsoon Oromoo gonkumaa kan duubatti hin deebinee ta’eera. Oromoon filmaata dhumaatti deemaa akka jiru diinni mataa isaa hubateera. Oromoon qabsoo waliigalaa gaggeessuuf kan eegamaa ture, guutummaatti hojii irra ooleera. Kana booda imalli eegalluu murteessaadhaa. Waan eegallee xumuruuf karaa kan saaquudhaa. kanaaf Dhalli Oromoo qabsoo isaa milkeessuu barbaada taanaan, Naamusaa fi bilchinni keenyaa dachaadhaan dabaluu barbaachisa. Wareegama hanga har’aatti baafne milkeessuuf, obsaa fi murannoon dantaa siyaasa keenyaaf jennee, obsinee waan dursa kennufii qabnuuf dursa kenninee irra aanuuf of qopheessuun murteessaadhaa. Obsi keenya daran kanarra jabaachuu qaba. Diinni keenya innikaa eenyu? jennee adeemsi keenya kanarra jabaatee itti fufu qaba. Oromoon waan eegalee fi itti seenee kana milkeessuuf qabxiilee armaan gadii ilaallachuun hedduu, hedduu barbaachisaadhaa.
  1. Sagal Obsinee, Takkaa Duulla.
Wayyaaneen humna keenya laaffisuuf, shiroonni hojjachuu maltu kanarra jabaaachuu fi babal’achu mala. Kanarra warra ollaa keenyaan walitti nu buusuu fi yaaddoo nutti heddummeessuu dandeessi. Guraageenuu kaatee miidhaa nurraan ga’uu dandeessi. garuu guraagee rukutuun Bilisummaa wareegama Ulfaataa itti kafalaa jirruuf furmaata waan hin taaneef , wayyaanee Tigiraayi irratti haleellaa keessa deebii hin qabnee fudhachuutu furmaata jennee waliif galuu qabna. Abbaa badii irratti qophoofnee haleellaa gaggeessuutu furmaataa qalbifadhaa.Amaarri, Somaaleen, Affaar, Beena Shaangul kkf boruu nurratti duuluu malu. Waan barbaadanis haa godhan. Dantaa keenyaaf dursa kennina taanaan, shira wayyaanee kanaaf karaa saaquu hin qabnuu. Inumaa gama hundaan irratti hojjannee, jaruma kana wayyaaneetti galagalchinee dhimma itti ba’uu qabna malee, kiyyoo wayyaaneen nuu qopheessitee seenuu hin qabnuu. dhugaadhaa lammii keenya miidhuu danda’u. waan sukkanneessaa nurratti raawwatu maluu. Garuu kun hundi nuuf furmaata miti. Kana Biyya ega dhuunfannee itti deebina. Shira kana qabbaneessaa, wayyaanee Ijoo dubbii keenyaatti qophaa’uu nu barbaachisa. Yeroo laanneefii jirrutti dhimma ba’uu didanii itti fufnaan, hegareen wayyaanee oromiyaa keessaa raawwachuu qaba. Kanaaf duulli akkasii yeroo tokkotti ta’uu qaba. Waan guddaa akkasiif garuu dursa of qopheessuu barbaada. Kasaaraa siyaasaa akka nurra hin geenyef, of eeggachuun baayyee barbaachisaadhaa.
  1. Sagal safarree, takkaa Murraa !
Sochiin keenya hundumtuu qorannoo irratti hundaa’ee gaggeeffamuu qaba. Gonkumaa miiraan guutamnee waa raawwachuu irraa of qusachuu nu barbaachisa. Obsa godhannee badii fi dogoggora jiru al sagal diinatti himuun gawwummaa miti. nuuti waan barbaannu argachuuf murannee jiraannaan, murtee isa dhumaaf of qopheessaa , diinni qalbii akka horatuu taasisuu, diina keessaas isa ijoo ta’ee irratti murachuuf, waa hundaa keessa beekuu nu barbaachisa. Waan raawwachuu qabnuu ammoo akka gaaritti irra deddeebi’anii qorachuu fi gilgaaluun dogoggora saboota gidduutti umamurraa waan nu baraaruuf, obsaan sagal itti deebi’anii safaranii , xumura irratti takkaa muruun bu’aa malee kasaaraa hin qabaatu. Kasaaraa siyaasaan waan itti deeffatan hin qabu. Kanaaf waa tokko akka dansaatti adda baafatanii , jumulaan waa balleessuu irra, isa waan hundaa bakka bu’uu irraa muruutu dawaadhaa qalbifadhaa.
  1. Sagal of-eeggannee, takkaa haleellaa,
Of eeggachuun sodaa miti. Of eeggannoon waan hundaaf murteessaadhaa. Keessattu qabsoo keessatti. Of eeggannoon kaayyoo milkeessuuf gaggeffamuu keessatti bakka ol aanaa qaba. Kasaaraa ulfaataa irraa nama baraara. Namni of eeggatu, miira dhuunfaa isaa keessaa nama fagaateedhaa.ofiif of eeggachuun akkuma jiru, Biyyaaf, Sabaaf, lammiif, maatiif , hiriyyaaf kkf of eeggannoon taasifamuu, Naannoo ofii gammachuu waloo keessa galchuuf kan akeekkatuudhaa. Oromoon haala keessa jiru kanarraa kaanee yennaa ilaalluu , wanni eegallee akka hin gufanneef waan irraa of eeggannu hedduutu jira. Iccitti ofii eeguuf of eeggannoon ni jira. Waan hojjannuu fi tarkaanfiilee gaggeessinu hunda irratti of eeggannoon, bu’aa qabsoo keenyaaf taasifnu bakka ol aanaa argachuu qaba. diinni miidhaa akka nurraan hin geenyeef,  sagal of eegganna. Diina irratti waan raawwannuf ammo waan itti amannu tokkon haleellaa gaggeessina.wayyaaneen shiraan akka nuuti humna buufnuu nurratti hojjachuu dandeessi. Nuuti shira ishee kana hundaa irraa of eeggannee, ishee irratti haleellaa keessa deebii hin qabnee tokko gaggeessina. Waan wayyaanee irratti gaggeessinu hundumtuu gara qabxii xumuraatti kan nu geessuu qofaa ta’uu qaba waan hundumtu adeemsa mataa isaa qaba. Wayyaaneen gonkumaa shira nu qopheessitee waan nuuti hojjachuuf karoorfanneen ala nu hojjachiisuu hin qabduu. Qabsoon itti seenaa jirru, qabsoo Ummataati. Qabsoo waraana lama gidduutti gaggeeffamu salphaadhaa. Qabsoon Ummataan gaggeeffamuu gidduutti dogoggorri tokko umamnaan waan dhabuu dandeenyu beekuu qabnaa. Kanaaf madda gufuu keenyaa fi waan gochuu qabnu irratti of eegganoo taasisuun barbaachisaadhaa.
  1. Sagal qiyyaafannee , takkaa adda keessa buufnaa,
Waa hundaa obsinee, al sagaliis safarree, al sagaliis of eeggannee, al sagalis qiyyaafannee, xumurrii dubbii keenyaadhaa, wayyaanee Tigiraayidhaa. Akka amma wayyaaneen jirtutti hegareen waliin jiraachuu haala hamaa keessa jira. Wayyaaneen haala amma itti jirtuun , gonkumaa afriikaa keessa jiraachuuf iyyu carraan qabduu hedduu xiqqoodhaa. Ummati Oromoo aarsaan kafalaa jiru laayyoo miti. Carraa araaraa aadaa keenyaaf illee mijataa miti. Saba Oromoo miliyoona 50 oliif kabajaa qabaachuu irra, qabeenyaa tuullatan caalsifatanii jiru. Qabeenyaa kana jiraachisuuf ammo, kana jechuun waan lubbuu hin qabnee jiraachisuuf, lubbu ilmaan Oromoo wareeguun filmaata ta’eeraaf. Dubbiin kan badduu gaafa Oromoon akka isaanii yaaduu eegaleedhaa. Kun ammo guyyaa eeggatti malee waan hafuu miti. karaan keenyaa fi hegareen keenya wareegama hangamii nu kafalsiisuus tarkaanfachuu hin dhaabnuu. Gumaan dhiigaa dhiigaan deebi’uu gaafa eegalee garuu, isaanumaaf bada. Kanaaf obsinee madda rakko hundaa kan taatee, wayyaanee Oromiyaa keessaa buqqisuu irratti haa qophoofnuu kan jennuuf. Shiroonni amma bakka maraa nurratti ka’an, furmaata tokkollee kan nu argamsiisan miti. Furmaanni keenya maayyii wayyaanee oromiyaa keessaa buqqisuudhaa. Deebitee akka hin kaaneetti haleeluudhaa. Kanaaf hanga obsinuu obsinee tarkaanfii dhumaa irratti humnaa fi irrree waliif haa taanuu lallabanna. dubbiin Murtee guutoo dhihaachaa jira. Waan barbaadee haa ta’uu, Oromoon gama hundaan qophii waa maraa taasisuun hedduu barbaachisaadhaa.
Namoonni baayyeen wayyaaneen waraana akka nurratti dulchituutti herreega. Garuu kun wayyaaneef jijjjiirama fidu hin qabu. Furmaati isheef argamsiisuu hin jiru. Inumaa badii isaanii bara baraa dhiheessaaf. Jabaannee haa hojjannuu. Bakka jirru maratti of kabachiisuuf haa hojjannu. Ragaalee wayyaanee adda addaa walitti haa qabannu. Dubbiin keessa deebii hin qabnee dhihaachuun haqaatii.
HORAA BULAA!!!!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment