”Abbaan koo jaarsi umurii 67 daandiirra osoo deemanii rasaasaan dhahaman” ilma abbaan Shaashamanneetti irraa ajjeefame

Onkoloolessa 13, 2017 | BBC Afaan Oromoo

Hiriira guyyaa kaleessaa magaaloota Oromiyaa adda addaa keessatti taasifameen namoonni jaha yoo ajjeefaman, kanneen 33 ol ta’an ammoo madaa’uusaanii, odeeffannoon mootummaa naannoo Oromiyaa irraa argame mirkanneesse.

Namoota ajjeefaman jahan kanneen keessaayis sadan isaanii magaalaa Shashamanneetti ta’uu hubatameera.
Namoota Magaalaa kanatti ajjeefaman keessaa tokko maanguddoo umuriin isaanii waggaa 67 fi Obbo Galatoo Ganamoo jedhamuun beekaman keessatti akka argaman ilmi isaanii BBC’tti himeera.
Dargaggoo Hamdaa Galatoo jiraataa magaalaa Shaashamannee kan ta’eefi abbaan isaa obbo Galatoo Ganamoo baadiyyaadhaa isa barbaacha erga dhufanii booda rasaasaan rukutamanii ajjeefamuu isaanii dubbata.
Akka Hamdaan jedhutti, wayita isaan ajjeefamaniitti mormiinis kan hinturreefi maanguddoon kun warra hiriira bahan keessa hinturre. ”Odoo daandii bitaa isaanii qabatanii deemaa jiranuu konkoolaaataa irraa itti dhokaasuun ajjeefaman,” jedheera Hamdaan.
Gama biraatiin ammoo, dargaggoo abdii (nageenya isaatiif jecha maqaansaa kan jijiirame) achuma maagaalaa Shaashamanneetti, naannoo Yunivarsiitii Rift Vaalii hiriiratti makamuun adeemaa osoo jiru rasaasaan harka irra dhahamusaa BBC’tti himeera.
”Anis dhakaatu na dhahe jedhee yoon harkaan qabuu, rasaasaan rukutamuu kiyya hubadhe. Achiinis of duuba yoo ilaalu konkolaataa paatroolii gubbaa nama makkalaakayaa tokko qofaatu ture. Kan biraa gabbiinaa keessa yoo turan hin beeku. ”
Wayita itti dhukaafametti hiriira keessatti hirmaachaa kan turee ta’u kan dubbatu barataan kun, yeroo ammaatti tajaajila wal’aansa olaanaaf gara hospitaala rifaraalaa Hawaasaatti ergamuun yaalamaa akka jiru dubbata.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaashamannee addee Xayyibaa Haasan BBC’tti akka himanitti, mormii guyyaa kaleessaa magaalaa keessa tureen namoonni sadii ajjeefamusaanii mirkanneessaniiru.
Namoonni ajjeefamanis lama dargaggoota yoo ta’an isaan tokko jaarsaa jedhani jiru.
Anis dhagaan na dhahee jedhee yoo harkaan xuquu rasaasaan dhahameera. —– Barataa, kaleessa Shaashamannetti dhahame

Akkasumas, addee Xayyibaan qaamooleen dargaggoo lamaa fi jaarsa umurii 67 ajjeesuun shakkaman miseensonni loltuu federaalaa lamaa fi miseensi loltuu raayyaa ittisa biyyaa tokko to’annoo bulchiinsa magaalaa Shaashamannee jala olfamusaanii dabaluun dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, miseensa loltuu raayyaa ittisaa ajeeechaa kaleessaatin shakkame humna raayyaa ittisaatu dabarsee bulchiinsa magaalaatti kenne.

‘Hiriira abbaan waame hin beekamne’

Guyyaa kaleessaa magaalaa Shaashamannee, Harargee Lixaa aanaa Bookee, Amboo fi aanaalee xixxiqqaa hedduu keessatti hiriirri taasifamu isaa hogganaan kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa nutti himaniiru.
Ajjeechaa magaalaa Shaashamannee fi Harargee Lixaa aanaa Bookeen uumameen alatti hirriirrii taasifame nagaan xumuramuus dubbataniiru.
”Shaashamannee qofatti namoonni sadii lubbusaanii kan dhaban yoo ta’u, 30 ol madaa’aniiru. Harargee Lixaa aanaa Bookeettis namoonni sadii du’anii sadi ammoo madaa’aniiru,” jedhaniiru.
ADDISU AREGA – Goodayyaa suuraaUmmanni dhimma hundaa tasgabbiidhaan ilaaluu qaba jedhan obbo Addisuu Araggaa
Akka obbo Addisuun jedhanitti, hiriirichi sirriis ta’ee kan dogoggoraa garuu namoota harkasaanii duwwaa hiriira bahanitti dhukaasa banuun qaamni ajjeechaa raawwate qulqullaa’uun seera biyyaatiin ni gaafatama.
Amma ammoo wanti akka amaleeffannaatti raawwatamaa jiru, waan mootummaa naannoo Oromiyaa deeggaran fakkeessuun bakka adda addaatti hiriira waamuu dha. —- Obbo Addisuu Araggaa, Hogganaa kominkeeshinii MNO

Har’as hiriirri magaaloota Walisoo fi Guudaritti taasifameera. Obbo Addisuunis hiriirri akkasii kun miidhaa waan qabaatuuf ummanni tasgabbiidhaan ilaaluu qaba jedhan.
”Hiriirri amma waamamaa jiru hiriira nagaa miti. Hiriira shirrii keessa jiru dha,” jedhaniiru.
Harka wayyaa jalaatin waan waamamaa jiruuf mootummaanis akka hin beekne kan himan obbo Addisuun, qaamni hiriiricha waamees kan ”Oromiyaa hoggansa ija – laafeessa qabduu fi dadhabaa fedhan akka ta’e hubanna,” jechuun kan himan.
”Amma ammoo wanti akka amaleeffannaatti raawwatamaa jiru, waan mootummaa naannoo Oromiyaa deeggaran fakkeessuun bakka adda addaatti hiriira waamuudha.”
Akka isaan jedhanitti, jarreen hiriira kana waaman saamicha albuudaa, lafa invastimantii fi daldala kontirobaandii itti gaggeeffachu danda’an uumuuf waan yaadame hojjetamaa jiru fakkaata jechuun dubbataniiru.

No comments:

Post a Comment