Kaarikulamiin Haaraan Tartiiba Dubbisa Qubee Afaan Oromoo Jijjiire Wal-falmsiisaa Ta’aa Jira--- Kutaa 1ffaa

Waxabajjii 07, 2017 | Voice Of America Afaan Oromoo


Dhiheenya kana Televiiziyoonni Motummaa naannoo, Televiiviisiyooni Oromiyaa, Kaarikulamiin yokaan sirni barnootaa haraan sadarkaa tokkoffaa naannoo sana keessaa fi bahuu isaa, tartiiba barsiisa qubee Afaan Oromoo irratti jijjiiramni ta’uu eega beeksisee as yaadawwanii fi wal-falmiilee hedduu tu miidiyaa hawaasummaa irratti geggeessamaa jira. Akka maddeen adda addaa gabaasanitti, Biiroon barnootaa Oromiyaa, kaarikulamii haarawa kana, semistaroota sadii dura gad-baase. Kana irratti hundaa’uudhaan kitaabonni haaraan maxxansamanii raabsamanii jiran. Barsiisotaafis leenjiin kennamee jira.

Gabaasaa TV Oromiyaa ka dhiheenya kanaan akka himametti, jijjiirama wal-falmsiisaa tahe kanaaf bu’ura ka tahe, xiinxala yokaan qorannaa dandeettii dubbisa ijoollee sadarkaa duraa, ka garagaarsa USAID-n geggeessame.Qorannaa dandeettii dubbisa ijoollee baatii Caamsaa bara 2010 irraa haga Waxabajjii bara 2010tti geggeessame kana ka geggeesse, dhaabbata Yunaayitid Isteets keessa maadheffate, ka Early Grade Reading Assesment yokaan ERGA jedhamu yoo tahu, hayyoonni barnootaa biyya keessaas gargaartummaan itti hirmaatanii jiran.USAIDn, qorannaan kanaaf, duulaara miliyoona 90 baase.
Qorannaa yeroo sana geggeessame irraa jalqabee akka gorsaa gameessaatti ka tajaajilaa turanii fi hojii kaariklulamii haaraa bocuu kanattis hirmaatan – Yunivarsitii Finfinneetti, ogeessa xiin-qooqaa yokaan Lingustiksii fi barsiisaa damee Afaan Oromoo – Dr. Tola-Maariyaam Fufaa, akka dhimma kana irratti ibsa nuuf kennan, Finfinnee irraa telefoonaan dubbisnee jira.
Gaaffii fi deebii kutaa duraa dhaggeeffadhaa



No comments:

Post a Comment