Sareen lubbuu ufiitiif duttu abbaa looniitiif galata oolti

Caamsa 31, 2017 | Via Dhabasa Wakjira Gemelal

“Jeedala kijiba hokkoltu hoolaan hin cabde jetti” jedha worri keenna. Lammaa Magarsaa sabboonummaa doomsuuf sobu gariin keenna sabboonaa jechuuf deemna. -Daraar_gadaa99@yahoo.com
#QabsooOromoo-“Sareen lubbuu ufiitiif duttu abbaa looniitiif galata oolti” jedha mammaksi Oromoo!!!!

OPDOn har’as akkuma duraa ummata Oromoo gowwoomsitee jiraachuu barbaaddi!!!!
Guyyaa kaleeysaa Lammaa Magarsaa maqaa hojjattoota mootummaa gurmaayaniin hojjattota magaalaa Adaamaa jiraataniif lafa Magaalaa Awaash-Malkaa- Sa’aatti keenne hubadha.

  1. Worrfi lafa mana jireenna Awaash-Malkaa-Sa’aatti fudhatan kun worra magaalaa Adaamaa jiraatan kan mana jireenna Magaalaa Adaamaa keeysaa qabani.
  2. Shiftootni woyyaanee lafa humnaan magaalaa Adamaatii hanga Awaash-malkaa-sa’aa saamanii worshaa gurguddaa irratti ijaaruuf dallayanii jiru. Lammaan kana laalatuman bira darban.
  3. Haala qabatama biyya tanaa keeysatti hojjataan mootumma magaalaa guddoo dhiisee magaalaa xixiqqotti mana hin ijaaratu kanaafuu lafa tana dabarsanii gurguuruf qotee bulaa hiyyeessa keenna irraa fudhatan.
  4. Lammaan utuu kan quuqama qotee bulaaf hiyyeeysa Oromootiif kan qabaatan ta’ee lafa qeerroon irratti dhiigaa isaanii jigsite qotee bulaa harkaa fuudhee dallaalotaaf kaabinoota isaatiif hin kennu silaa kan godhuu male lafa shiftootaan humnaan ummata harkaa saamame ijaarsa isaanii dhaabsisee qorannoo irratti geggeysee akka ummataaf deebitu godha malee dabaltaan lafa qotee bulaa dallalotaaf kaabinee isaanii maqaa gurmaa’innattiin wol-ijaaraniif dabarsee hin kennu.
  5. Wolumaa galatti dalagaan OPDO yoo fincilli ummataa hammate dura kan badu nu’ii kanaafuu waan ummata Oromootiif quuqaman fakkaatanii qabsoo ummataa laaffisaa ummata garaa seenanii deeebisanii diina jalatti bulchuuf malee diina nurraa kaasanii ummata bilisoomsuuf miti sababni isaas namni bilisummaa barbaadu kaayyoo qaba, mul’ata qaba, galma gayuuf deemutu jira. kana OPDO yoo ilaalle kana hundaa hin qabu kana jechuun bakkuma gayanituu isaaniif galma dhumaati innis woyyanetti maxxananii bulu qofa.
  6. Kanaafuu Ummatni Oromoo hundi bakka jiruu kijiba Lammatiif miidiyaa isaanitiin utuu hin sobamni mirga abbaa biyyummaa Oromoo gonfachuuf dirqama lammumma akka baanu akka hin gowwomne waamicha lammumma isiniif dabarsina.

No comments:

Post a Comment