Diinota Qabsoo Keenyaa Addaan Baafnee Beekuun Murteessaadha

Amajjii 24, 2017 | Ibsaa Gaaddisaa Irraa
Qabsoo Qarayyoo Ilmaan Sabaatiin Jalqabamte Galiin Gahuuf Cufti Ilmaan Oromoo Bakkayyuu Kaanee Dirqama Oromummaa Keenya Bahachuun QBO Itichuuf, Diinota Qabsoo Keenyaa Addaan Baafnee Beekuun Murteessaadha.
Yeroo ammaa Sochiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo guddatee sadarkaa Ol aanaa irra gahee jira. Ilmaan Oromoo addaatti ammoo Sabboontotni sabaa sadarkaa garaagaraa keessatti haala adda addaan qooda irraa fudhataas turan;fudhataas jiru.Waan ta’eefis Kanaan booda qabsoo kana wanni of booda deebisu tookkollee hin jiru.
Lukkeelee diinaa garaaf jiraatan ykn gantoota dantaa isaaniitiif jecha diina jala fiiganiin ala, yeroo ammaa irra guddeessi ummata Oromoo hiree isaa akka sabaatti ofii murteeffachuu kan hin feene hin jiru.
Jarreen garaaf bulan kunneen QBOn yoo gufate dantaa isaanii miti.

Har’a nyaatanii buluu fedhu waan taheef. Dhiigni ilamaan Oromoo Qabsoo bilisummaa Saba isaaniif jecha akka Lolaa gannatti dhangala’ee isaan hin gubu. Lubbuun sabboontota qaqqaalii qabsoo kana irratti wareegamee fi lafeen ilmaan Oromoo baddaaf gammoooojjii keessatti dantaa saba isaaniif jecha harca’ee awwaalcha dhabee isaaniif homaa miti. Yeroo diinni qacalee ilmaan Oromoo fuuldura isaaniitti dhiiga lolaasu akka waan hin argineetti callisanii bira darbuun reeffa saba isaaniirra tarkaanfatanii lammii isaanii dabarsanii bineensaaf laatu. Oromoon akka sabaatti ilmaan Yartuu akkasii qabaa? Jennee wal hin gaafannu.
“Badduun ofumatti baati” akkuma jedhan kunoo yartuu Saba beekaa keessaa dhalatte waggoottaan lamaan darban kana keessatti ija keenyaan maal akka raawwataa turte agarree jirra.
Jarreen kun akeekni isaanii har’a nyaatanii garaa isaanii guuttachuu fi ergama diinni itti kenne galamaan gahuu qofa. Kanaaf yeroon amma keessa jiru yeroo nuti ilmaan Oromoo xiqqaa guddaan waltaanee diina inikkaa keenya Wayyaanee fi ergamtoota isaa kanneen garaaf bulan of irraa kaasuun hiree keenya ofiin murteeffachuuf hojjennuudha.
Ummanni Oromoos yeroo akkaan murteessaa tahe kanatti kan wal gaafachuu fi irratti maryachuu qabu yoo maal goone lubbuu Gabroomfataa gabaabsuun mirga abbaa biyyummaa keenyaa mirkaneeffanna isa jedhu tahuu qaba.
Mootummaan EPRDF/TPLF ummata Oromoo qofaaf osoo hin taane ummatoota Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiran maraf diina tahuu hubachuun akkaan barbaachisaadha. Ummata Oromootiif yeroon amma keessa jirru kun gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti. Saboota cunqurfamoo biraatiifis kanuma. Kun jala sararamee ilaalamuu qaba.
Mootumaan Fashistii TPLF kun ilmaan Oomoo waloon araddaa Oromiyaa irra dugugee balleessuuf ifatti xiyyeefatee hojjetaa jira. Kan Agaazii fi Poolisa Federaalaa hanqatee yeroo ammaa Waraana Sumaalee Liyyuu hayil jedhamu leenjisee ummata Oromootti bobbaasee jira.
Gochi kun akeeka hedduu of keessaa qaba. Ini jalqabaa QBO ummanni Oromoo taasisaa jiru ittiin dura dhaabbachuuf. Keessattuu QBO ABOn geggeeffamuu keessatti WBO adamsuuf akkasumas duubbee isaa jeequuf kan akeekkatee dha.
Akeekni isaa inni kaan ammoo Ilmaan Oromoo fi Qabeenyaa Oromoo barbadeessuudha. Yoo danda’ameef ammoo Ummata Soomalee fi Oromoo walitti naquun YKN buusuun umurii bittaa isaa dheereffachuuf akeeka qophaaheedha; kana gochuu isaatti arma duras hin milkoofne, sii achis hin milkaayu.
Ummanni Oromoo bakka jiru maraa shira Mootummaa wayyaane kanatti dammaqee fashalsuu qaba. Ummanni Oromoof Sumaalee waggaa hedduuf waliin jiraachaa ture. Rakkinootni amma mul’atan kun yeroo gara garaatti diinaan shiramus, hawaasa lamaan biratti mul’atani hin beekan. Shirri diinni saboota lamaan giddutti shiraa ture akka nama dhuunfaatti haa ta’uu akka saboota bal’aa lamaanitti mootumichaaf milkaa’inni argame hin turre, hin jiraatus. Saboota kanneen jidutti rakkinootni uumaman yoo jiraate, Hawaasni lamaan  akka addaa waliin jireenyaa qabuun karaa jaarsummaatiin rakkina mul’atan furachaa ture.
Sii achis Shira diinni ooliibultii isaa keessatti shiraa turee fi jiruuf jilbiifachuun wal dhibdeen isaan giddutti uumamuu hin qabu.Kan kanatti hawwuu fi shira diinaa galmaan gahu yoo jiraate lukkeelee diinaa dantaaf jiraataniidha.
Kan ummanni keenya beeku qabu keessaa inni biroon ammo; namoota fedhii dhuunfaaf jechaa Midiyaalee hawaasummaa irratti holola diiggaa ofan kan ilaallatuu dha. Namoonni Muuxannoo Qabsoo hin qabnee fi Hubannoo fi Dammaqiinsa gahaa hin qabne holola namoota murasa dantaa isaaniif jechaa midiyaa hawaasaa irraatti hololaniif gurra laachuun akka waan Oromoon gandaa fi Amantiin adda adda facahee jiruutti fudhatu. Kun dhugaa qabatama hin qabneedha. Ilmaan Oromoo keessattu dhaloonni ammaa; holola akkasii bira taree jira. Kan akkasitti hololan kanneen qabsoo Ummanni Oromoo taasisaa jiru fi sadarkaa ummanni keenya biyya keessaa irra jiru hin hubanneedha.
Seenaa uummata Oromoo keessatti haalli fokkisaa fi badaan yaaddoo namatti naquu fi Kuufaatii ummata Oromoofis sababa tahe akkasumas erga gabroomnee asis akka gabrummaa jalaa hin baaneef yaadoo guddaa kan tahee fi tahaa jiru  ilmaan Oromoo jajjaboo  fi beekaa jedhamantu diinaan waliin hariiroo uummachuun qabsoo sabaatti danqaraa tahaa jiraachuudha. Fakkeenyaaf OPDOn akka ummanni keenya gabrummaa jalatti hafuuf dhaaba hojjetu.Ilmaan Oromoo dhaaba kana keessa hojjetan hunda tahuu baatanis kanneen dhaabichaaf amanamoo ta’uun QB sabni keenya taasisutti gufuu ta’an hedduun jiraachuudha. Dalagaan qondaaloti OPDO raawwachaa jiran kan seenaa addunyaa keessttuu mul’atee hin beekneedha. Otuu isaan jiranii fuuldura isaanitti Qonnaan bulaan Lafa isaarraa buqqa’a, ajjeefama.
Maal kana qofa ilmaan Oromoo qaqqaaliin gaaffii mirgaa gaafachuu isaanii qofaaf akka bineensatti adamfamanii ajjeefamu. Hawwanii fi shammarran Oromoo milishoota fi waraana wayyaaneen daandi irratti gudeedamu.Oromumma isaaniitiin yakkamanii kanneen hidhaman mana hidhaa keessatti Zaliilii irraatti raawwatamuun qaamaa hir’uu tahu. Innuu atuu jiruu mana hidhaa keessatti ibiddaan waadamu. Abbaa ilmi duraa du’een “Foon ilma kee waadi nyaadhu” ittin jechuu  fi Ilmoo ajjeesanii haadha irra teechisuun yakka addunyaa kana irratti hin dalagamne atuu isaan jiranii wayyaanotaan raawwatameedha. Kana hunda osoo kan seenaa irraa dubbifnu ta’ee amanuuf waan nama dhibuudha.
Yakka namni sammuu qabu kana sabaafan hojjedha jedhu hin dalagnetu yeroo ammaa OPDOn ummata keenya irratti raawwatamaa jira.
Jarreen kun gata (rubbish) dha. Sababa Afaan Oromoo dubbataniif Oromoo isaaniin jechuun hin danda’amu. Bineensu qomoo isaaf ni gadda ni falmaafis. Gochi Qondaalota OPDO waan akkanatti dubbannee fixnuu miti seenaaf olkaayyanna.
Jarreen kana QBOn diinaan adda baasee hin ilaalu. Yakka dalaganiifis bubbulus itti gaafatamuun isaanii waan hin oolle.
Kana malees haala adda addaatiin akkasumas fedhii ykn dantaa dhuunfaaf jechaa kanneen mooraa Qabsoo ABO keessaa bahan wayita qabsoon Oromoo Qabsaahota muratoo fi jaboo cichanii qabsicha keessatti hafaniin finiinee sadarkaa kana gahu qabsicha gara ofiitti harkisuuf dhagaan isaan hin buqqifne hin jiru. Silaa kan tahuu qabu yoo kan ummataaf waan hojjedha kan jedhan tahee akeekaa fi kaayyoo isaanii ibsachuun akka haaraatti maqaa haaraan ijaaramanii hawaasicha biratti hojiidhaan mul’achuudha malee, ijaarsa duraan keessaa bahan abaaruu fi hoggantoota isaatti quba qabuun beekumsa miti. Kana raawwachuudhaanis bu’aan isaan ummata Oromof argamsiisanis hin jiru qabsaahaadhas isaan hin taasisu. Ofumaaf dhamahuu yoo tahe malee.Ofii dhama’anii Saba gabrummaa jalatti tursuuf wixxifachuun, Oromoo hadhaan tana golee Oromiyaa cufa keessaa damaqee “dinne gabrummaa didaa” jechuun falmataa jiru biratti daallee ta’uudha.
Kan nama ajaahibu keessaa tokko ammo namootni muraasni midiyaa hawaasaa irratti seeraaf heera Dhaaba tokkoo atuu hin beekin akkasumas dhaabicha keessattillee atuu hin hirmaatin ebelu angoorraa bu’uu qaba, akkas ta’u qaba yoo akkas hin taane sirrii miti jedhanii odeesu. Kun ammoo yaada nama hubannoo hin qabneeti. Jarreen akkasii hawaasin keenya eenyutuu eenyuun akka ta’e ni beeka waan ta’eef “dhama raasuu” irraa of qusachutuu isaaniif akka caalu ifatti itti himuu qaba.
“Dhugaan ni qal’atti malee hin cittu” akkuma jedhan namoonni ta’e jedhanii Dhoortoo diinni laatuufii fi dantaa bubuutuuf jecha hojii fokkisaa saba isaanii keessatti isaan xiqqeessu hojjetaa jiran boru gaafatama Seenaa fi seeraa jalaa bahuuf amma osoo lafti isanitti hin dhihin dhugaa jiru jala masakamuun saba isaanii waliin hiriiruu qabu.
Waluma galatti ilmaan Oromoo guddaa xiqqaan karaa isaanii anjahe hundaan QBO keessaatti qooda fudhachuun murteessadha. Keessatti WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo lubbuu isaanii qaalii wareeganii halkanii fi guyyaa diinaan kokkee walqabanii jiran karaa dandeenyu maraan cinaa dhaabbachuun hamilee isaanii jabeessuun waan fardiidha.
Kanneen WBO fi QBO akkasumas qabsahoota Bilisummaa jireenya isaanii wareeganii saba isaniif falmataa jiran irratti holola diiggaa hafarsan  lukkee diinaa kanneen Bilisummaa Ummata Oromoo hin feenee waan ta’aniif ummanni keenya addaan baafachuu qaba.
Mootummaan Wayyaanee/TPLF qabsoo Oromoo yoo danda’e dhabamsiisuuf ykn ammoo laaffisuuf basaastota hedduu leenjisee garaagartee nu gidduutti uumuuf bobbaasee akka jiru dagachuu hin qabnu. Tokkoon tokkoon keenya QBO sabni keenya taasisa jiru galmaan gahuuf kanneen dalagaa diina hojjetaa jiran addaan baafachuun yoo kan wallaalummaan dalagaa jiran tahe  gorfachuun sirreeffannee gara qabsoo keenyaatti hiriirsuu, kanneen beekaa QBOti gufuu tahuuf dalagan ammoo diinaan waliin dhabamsiisuun qabsoo keenya gara fuulduraatti furgaasuu irratti hojjechuun ummata keenya gabrummaa keessaa baasuun dirqama dhaloota kanaa tahuu qaba.
Abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa ilmaan Oromoo beekas tahee osoo hin beekin qabsoo ummatichaa booressuuf oliif gadi fiigan gorsuu fi dandii sirrii itti akeekuun Qabsoo saba keenyaaf akka qooda Oromummaa keessan bahattan isiniif dhaama.
Horaa bulaa!
Gadaan gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment