Guyyaa WBO Amajjii Tokko Bara Haaraa 2017 Kabajamuuf jiru Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Muddee 29, 2016 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummata Oromoo Hundaaf 

Baga nagaan jala bultii guyyaa WBO kan bara 2017 fi waggaa haaraan isin gahe. Guyyaa ayyaana dachaa kana yeroo itti kabajachuuf deemnu haalli ummanit keenya irree cunqursaa jala jiruu fi walabummaa isaaf ammoo warraaqsa hiriyyaa hin qabne gaggeessuun wareegama ol aanaa kafalaa jiru keessa jirra. Barri 2017 kun kan milkii fi injifatanoo akka nuu ta’u irratti qabsaawuun dirqama qabasoo nurraa eegamu akka baanu abdii qabna. 


Guyyaa kabajamaa fi seenaa qabeessaa Amajjiin gaafa 1 uummata Oromoof haarawaa miti, Oromoo dhalatee Oromummaa isaa beekuu fi Oromoo qabsoo bilisummaa isaa fi walabummaa Oromiyaaf falmaa hadhooftuu gaggeessaa jirutu guyyaa kana haalaan midhaksee beeka. Bara kanas Amajjiin tokko Guyyaan WBO Oromiyaa Godinaalee cufa keessaatti bifa adda ta'een Qeerroo Bilisummaa Oromoo, miseensooota Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Uummaata Oromoo, maadheewwaan ABO, gootota barattoota Oromoo, Humnoota qabsoo Bilisummaa Oromoo, WBO-ABO fi sabboontoota ilmaan Oromoo waliin ta'uudhaan kabajamuuf kan jiru Ammajjii tokko Guyyaa seenaa qabeessaa akka daawwitiitti ija uummata Oromoo jalaa hin badnee bifa addaan kabajamuuf jira.

Haala kabajaa guyyaa WBO Amajjii tokko kan bara 2017 bifa garaagaraan kabajamuuf jiru ilaalchisuun qabxiilee ijoo ta'an 6 irratti fuulleeffachuun Oromiyaa godinaalee cufaa irratti akka kabajamuuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra ibsa gabaabaa kenname . 


  1. Uummatni Oromoo akka uummataatti roga hundaan of humneessuu, waraanaa Wayyaanee Oromiyaa goolaa jiruu of irraa ittisuuf ijaaramuu fi caalaatti of qopheessuu, waraanaa Bilisummaa Oromoo WBO-ABO jabeessuun waliin hiriiruun qabsoon bilisummaa Oromoo daranuu jabaatee akka itti fufuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo guyyaa seenaa qabeessa kana ilaalchisuun dhaamsa qabsoo uummata Oromoo hundaaf dabarsa.

  2. Mootummaan Wayyaanee maqaa 'Master Plan' jedhuun uummata Oromoo irraatti duula sanyii balleessuu (Genocide ) gaggeessa ture ammas itti fufuun dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo sababaa kanaan wareegaman lubbuu namootaa nagaa 3500 olii wareegamee jiruu dantaatti osoo hin fidiin ammas karoora 'Masteer Pilaanicha' hojii irraa olchuuf dhaadachaa jiraachuun wal qabatee wareegama sabi Oromoo baasaa jiru irra kutuun ykn lubbuu darbee fi qabeenya ummata Oromoo dhabame osoo ilaalcha keessa hin galchiin karoora isaa hojii irra olchuuf jiraachuun isaa haalaan kan uummata Oromoof tuffii qabuu fi of-tuulummaa sadarkaa ol aanaa waan ta’eef sirni cunqursaa Wayyaaneen kun yeroon karaa irraa goree bilisummaa fi walabummaan sabootaa mirkaanawu malee boqonnaa akka namaa hin laatne hubannee ummanni keenya biyya alaa fi keessan daran harka wal qabatee mirga isaa falmatuuf ayyaana Amajjii 2017 sababeeffachuun waamicha warraaqsaa isinii dabarsina.

  3. Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG itti fufinsaan uummata keenyaa qindeessuu fi hiriirsuun qabsoo Waloo fi tokkummaan gaggeessaa kan jirru, Warraaqsii keenyaa abbaa irree Wayyaanee TPLF xummura gochuuf yoom iyyuu caalaatti tarsiimoo warraaqsii xummura mootummaa abbaa irree hordofuu qindeeffachuufi aanjeffaachuun dhaadannoo qabsoon hanga bilisummaatti jedhuun qabsoo bilisummaa Oromoo galiin gahuuf warraaqsaa finiinsaa jiraachuun keenyaa uummata Oromoo hundaaf ifaadha. Guyyaa seenaa qabeessaa kana kabaja Guyyaa WBO Amajjii tokko ilaalchisuun ammas Qeerroon Bilisummaa Oromoo ummatni Oromoo tokkummaa isaa jabeeffachuun biyyaa keessaa fi biyyoota alaan akeeka Qeerroo Bilisummaa Oomoo tumsuun sirna gabrummaa of irraa fonqolchu irratti akka nu cinaa dhaabbattan waamicha keenya goona.

  4. Uummatni Oromoo biyya isaa irraa nagaan jiraachuu fi falmachuu weaan dadhabeef,gaaffii mirgaa kaasuun mootummoota Ethiopia dhufaa darbaa biratti yakka waan ta’eef haalli itti sagalee ofii dhageessisanii nagaan cunqursaa of irraa falman abdan waan hin yaadamneef jecha WBOn mirga borxaa dhabe borxaan deeffachuuf daggala galee mirga saba Oromoo falmuu irratti baroota hedduu lakkoofsisee jira,haala kana hubachuun ummanni Oromoo hundi akeeka kana bakkaan gahuuf jecha wareega WBOn kafalaa jiru firii itti gochuuf akka WBO cinaa dhaabbattan waamicha lammummaa dabarsina.

  5. Artistoota Oromoo qaqqaalii Seenaa Solomoon, Eliyaas Kifluu, Mo’ibul Misgaanuu, Olyaad Baqalaa, Ifaa Gammachuu fi kanneen kaan dabalatee hidhamtootni ilmaan Oromoo mooraa manneen hidhaa Wayyaanee fi mooraa waraanaa Wayyaanee keessaatti miliyoonotaan hidhamanii dararamaa jiran hundii yakkamtoota miti. Lammiileen Oromoo nagaa yakka tokko maleen biyya abbaa isaanii irratti akka bineensaatti adamasamanii hidhamanii hidhaa keessattis dararamaa jiran hattattamaan akka hiikaman gadi jabeessinee sirna cunqursaa Wayyaaneen itti beeksifna.

  6. Yeroo kanatti Oromoon akka dhuunfaattis tahee akka Jaarmiyaa siyaasaatti waldhiibuu fi waan fardii hin taane fardheessuun wal dhbuu dhiisee gara dalagaa qabsootti fulleffachuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbachuun FXG jabeessuun diina ummata Oromoo kan ta'ee sirna Wayyaanee dhiibuu irratti akka xiyyeeffatu waamicha eenyummaa dabarsina. 


Bifa kanaan Amajjii Tokko guyyaa WBO kan Barana 2017 haala adda ta'een kabajachuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa gabaabaa armaan olii uummataa Oromoo hundaaf dabarsuun ammas irraa deebinee barri kan abbaan irree itti kuftu, kan injifannoof bilisummaa, walabummaa fi nagaaf tasggabbii uummata Oromoo hundaaf haata'uu jechuun walii dhamna.

Injifannoon Uummata Oromoof          Gadaan Gadaa Bilisummaati!!             Muddee 29/2016 Finfinnee, Oromiyaa

No comments:

Post a Comment