Ilma Ummatni Oromoo Itti Boonuu Qabu

Hagayya 22, 2016 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa

Addunyaan Itophiyaa akka lamatti beeka. Mootummootni Itophiyaa empaayera humnaan ijaaramte humnaan tikfatuu fi dantaa isaanii guuttatuuf jecha hacuuccaa fi saaminsa gaggeessaniin biyyoota addunyaa jiran keessaa biyya hiyyeettii maayii taasisuu fi biyya ummatootni kumoota dhibbaan sababa beelaan keessatti dhuman tahuun beekan. Dhugaan kun sirna ykn mootummaa tokko jalatti qofa osoo hin taane mootummoota hunda keessatti mul’atuun Itophiyaan maqaa salphinaa kana jalaa akka hin baane taasise.
Itophiyaan kan ittiin beekamte kan biraa waltajjii ispoortii ti. Waltajjii nagaa kana irratti maqaa Itophiyaa kan waamsisan irra hedduun ilmaan Oromoo ti.

Ilmaan Oromoo waltajjii ispoortii irratti maqaa Itophiyaa bareechan:
  • 1974 dura, Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Waamii Birraatuu……
  • 1991 dura, Muhammad Kadir, Tolasaa Qottuu, Abbabaa Makonnin, Fiixaa Baay’isaa, Warquu Biqilaa…..
  • 1991 irraa eegalee, Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Xirunesh Dibaabaa, Ganzabee Dibaabaa, Ijjigaayyoo Dibaabaa, Qananiisaa Baqqalaa, Silashii Sihiin, Taarikuu Baqqalaa, Almaaz Ayyaanaa, Masarat Daffaar, Fayyisaa Leellisaa, Amaan Kadir……….

Atleetotni kanneen dorgommii adeemsifamuun injifannoo argataniin maqaa Itophiyaa sababa beelaan xuraawe akka atletiksiin beekamtu taasisuun salphinaa fi qaanii irra caalaa irraa dandamachiisuu keessatti qooda guddaa kennan. Maqaan Itophiyaa waltajjii ispoortii irratti akka miidhagee mul’atu taasisuun gumaacha kennan illee Itophiyaan maqaa isii cululuqee akka mul’atu taasisan garuu gayyaa itti tahuu irraa kabajaa isaaniif malu hin laanneef. Abbabaan shira irratti hojjatameen miidhaa ol aanaan qaamaa hiruu tahee osoo hiraaruu boqote. Maatiin isaa illee mootummaa biyyaa irra gargaarsa mootummaa alagaan jiraatuu seenaan isaanii ni dubbata. Maammoo Woldee Kuma kudhanii fi maaraatooniin waltajjii Olompikii irratti faaruun Itophiyaa akka faarfamu taasise waggoota dheeraaf Wayyaaneen hidhamee hidhaa keessatti dararamaa akka ture hin dagatamu.
Maqaa Itophiyaa addunyaa biratti lammiilee biyyattii mataa gadi qabachiisan, Itophiyummaan qaanfachiisaa tahuu irraa dhokfatuun filatamu hanga tokko kan qaanii jalaa baase atleetota Oromoo ti jechuutu danda’ama. Atleetotni Oromoo kunneenis hacuuccaa fi cunqursaan osoo irra jiruu tattaaffii matayyaan dandeettii horataniin kan ol bahan tahuun hubatamuu qaba. Olompikii hirmaatan irratti seenaa tolchuun ilmaan Oromoof haaraa tahuu baatullee kan barana Biraazil, Riyo-tti adeemsifame garuu seenaa addaa Oromoo fi Addunyaa irratti galmeessuun xumurame. Maqaa Itophiyaa sababa dorgomaa dandeettii hin qabneen itti qoosamaa ture, Fayyisaa Leellisaa injifannoo galmeessuun bareechuutti dabalee, loogummaan ispoortii keessa illee jiraachuu irraa aangawootni biyyattii dandeettiin alatti nama fedhan kan hirmaachisan tahuu saaxile.
Hundaan olitti ammoo ummata isaa ummata Oromoo irratti ajjeechaan sanyii duguuggii raawwatamaa akka jiru, firoottan fi lammiileen Oromoo karaa nagaa mirga isaanii gaafatan mootummaa abbaa irree Wayyaaneen ajjeefamaa fi hidhaatti guuramaa akka jiran addunyaa hubachiisuun, mootummaa Itophiyaa balaaleffatee aantummaa ummataaf qabu ifatti agarsiise.
Akka kanaan Fayyisaa Leellisaa badhaasa Riyo-tti argateen olitti seenaa bara baraan yaadatamu
galmeesse. Jaalala kijibaa fi badhaasa mootummaa abbaa irree irraa argamu irra ummata isaa  caalsifatee qabsoo bilisummaa ummatni itti jiru kan deggeru tahuu mallattoo Fincila Diddaa
Gabrummaa harka qaxxaamursuun addunyaa beeksifate. Ummatni Oromoos tarkaanfii gootummaa ilma Oromoo kana ashuu jedhee gammachuun simate. Bara baraan onnee isaa keessa jiraata, goota yeroo rakkoo fi dhiphuu waan taheef.
Tarkaanfiin Fayyisaa Leellisaa Ilmaan Oromoo ofiif miidhamaa fi sobamaa maqaa mootummaa
kanaa bareechanii fi tiksaniif barnoota guddaa kenna. Beekkannoo yeroo qofaan dagamanii ummata isaanii irraa fagaatuu irra ummata waliin hiriiruun maqaa bara baraan jiraatu kaa’anii dabruu qabanii dhaamaaf. Addatti ammoo ilmaan Oromoo waraana Wayyaanee keessatti hiriiranii jiran kan dhumaatii lammii isaanii callisanii ilaalan, kanneen caasaa tikaa fi bulchiinsa keessatti ramadamanii lammii isaanii ajjeesisaa fi hiisisaa jiran tarkaanfii boonsaa atleet Fayyisaa Leellisaa irraa baratuu qaban.
ABOn gootummaa Fayyisaa Leellisaa dinqisiifataa lammiileen Oromoo hiree itti qaban hundi isa cinaa hiriiruun gargaarsa barbaachisu hundaan akka bira dhaabbatan waamicha isaa dabarsaa, atleetotni hafanis faana isaa akka bu’an yaadachiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 22, 2016

No comments:

Post a Comment