Dh.D.U.O! Dhiisi maqaa keenya, maaliif nuun dalagdaa

Walaloo Abdii Baalee Oromiyaatiin
Akkam nagaa jirtuu, gootowwan goototaa,
Sanyiin dhaalaa biyyaa ilmaan Oromootaa,
Baga nagaa taatan nageenyi furmaataa,
Anis nagaan qaba, yoo ta'es baqataa,
Galanni haa gahu, Rabbii hunda horataa!!! 
Dhaamsaan qaba lammii, xinnoo na hordofaa,
Waa'ee lammiiwwan koo, diinni biyyaa oofaa,
Waan Farda maraatee, alagaaf gulufaa,
Waa'ee qeerroowwan koo, diinni afaan cufaa,
Waan bineensa quufee, lammii kootti gajafaa,
Waa'ee dhaaba dharaa, warri hojii fafaa,
Dubbachuufiin deema, lammii na hordofaa!!! 
Ati garee kamii,kamitti of ramaddaa,
Oromoorraa baatee mee of quba-qabdaa,
Oromoo himataa, maaf alagaaf dhiigdaa,
Maqaa misoomaatiin, maaf dhiiga nu dhugdaa,
Ergama diinaatiin, hanga yoomii fiigdaa,
Oromoo moggaafattee, maalumaaf kijibdaa,
Maaf DhDUO jettee, hin jirree of dhaabdaa,
Ergattummaa malee, aangoo harkaa qabdaa,
Sitti beekkanneerraa, maalumaaf of sobdaa,
Dhiisi maqaa keenya, maaliif nuun dalagdaa,
Nu hin dhiiftu taanaan, salphinaa barbaaddaa!!!! 
Misoomaa fi guddinni, ati odeessituu,
Kan biyya Oromoo alagaatti laattuu,
Kan ilmaan Oromoo biyyarraa ariituu,
Kan fedha alagaa, guutuu dhaaf tirtirtuu,
Kan ilmaan oromoo, lagaan adda footuu,
Moo kan hayyoota keenya, hidhaatti darbituu,
Moo kan qabeenya keenyaan garaa kee guuttattuu,
Moo kan hattuu wajjiin, Oromoo adamsituu,
Moo kan akka Karkarroo, lum'ee furdiffattuu,
Meerree,Misoomni kee, natti himi,yaa gantuu!!! 
Lakkis DhDUO, dhaadannoon kee badee,
Sabni kee miidhamee, alagaan gammadee,
Hayyuun keenya cabee, addunyaan siif gaddee,
Jiruun awwaalamtee, mataa fi miilaa cabdee,
Mirgi kee dhiitamee, roorroon si sossobdee,
Oromoon saamamee, hattuun mana labdee,
Dharti iddoo fudhattee, dhugaan bakkaa dhabdee,
Bofti mana seentee, summiin biyyaa gubdee,
Ati maaf hin kaatuu, maaf gurra gad qabdee??? 
Ati yaa goomattuu, tan sabaaf hin taane,
Abbaa biyyaa jettee, diinatti saba hin hiinee,
Yoomiif si abdannaa, dhaadannoo kee baannee,
Galata abbaa garaa, bu'aa kee hin arginee,
Diinummaa alagaa, sammuun kee hin hubannee,
Osoo lubbuun jirtu, addunyaarraa hin duunee,
Mee nutti himi, maarree galata Wayyaanee!!!
Mee waa isin gaaffaa, deebii naaf deebisaa,
Oromoo abbaa biyyaa, lafarraa buqqisaa,
Ilmaan Oromtichaa gargaritti facaasaa,
Amantii fi kutaan gargar nu babbaasaa,
Dhadannoo ololaa, sagalee Tamsaasaa,
Gurra qabamtanii, diina jala ciisaa,
Dhiiga ummataatiin, garaa ofii furdisaa,
Guddinna jedhanii, lallabuun maal buusaa,
Gaafiin kiyya kanaa, dafaa deebii quubsaa!!! 
Dhiifama yaa sabaa, warri abbaa biyyaa,
Yoo na ajjeesellee lammii koo naaf wayyaa,
Gammachu lammii koof, sammuun koo yaaddayaa,
Bilisummaa dhabee, yaada halkanii fi guyyaa,
Jabaadhaa yaa gootaa, ilmaan Oromiyaa,
Ciiftanii hin rafinaa, diina mataa dhayaa,
Harka qawwee qofaan gumaan kee bayaa,
Mirgi abbaa biyyummaa, gaafas ifa bayaa,
Qabsootti jabaadhaan dhaamsa kankoo tayaa,
Dhaamsa koo xumuree, naaf ta'a nagayaa!!!
Adoolessa 28,2015
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO

No comments:

Post a Comment