Gaaffii Gabaabaa Obbo Muktar Kadiri (Perezedantii Oromiyaa) tiif ykn DH.D.U.O tiif

Adoolessa 01, 2014 | Dhugasa Ibsa Irraa

Gaaffii mirgaa fi misoomaa ilaalchise uummata Oromoo irra ka’aa jiru deebisuu dhabuu irra kan ka’e gaaffiin uummata gara moormiitti jijjirama jirachu isaa addunyaa hunda biratti beekameera.

Haata’u male moormii kana dhaamsuuf tarkanfilee adda addaa fudhachaa jirtu.Tarkanfilee fudhatamaa jiran keessa do’annaa diree (field visit) isin gageessitani ibsa kenna jirtan tokkodha. Mee kana irratti gaaffi dhiyeessuuf ni yaala.:- 

Ibsi isin kenna jirtan kan xiyeefatu:-
  • Gudina Investimentii Oromiyaa,
  • Misooma Daandii baadiyaa Oromiyaa,
  • Misooma Bishaan dhugati fi Jalisi
  • Misooma magaalota oromiyaa, 
Irratti yoo ta’an gaaffiin kiyya akka kana gaditti dhiyaata.
  1. Investeroota Oromiyaa keessatti argaman hojjetoota meeqa qabu? Isaan keessa Oromon meeqa? ( Hoogansa iirratti?, Bulchinsa irratti?, Ogummaa irratti?  Hojii humnaa irratti?) Kaffaltiin isaani maal fakkataa? Dhimoota kana eenyutu hordofa?
  2. Investeroota Oromiyaa keessatti argamani irra galiin argamu Oromiyaaf galii ta’a? Deebi’ee Oromiyaa Misoomsa? Fakeenyi nuuf  haa Ibsamu,
  3. Investerootaf Hayyama kan kennu Oromiyaadha mo Federala? Iddoo Investimenti kan filuufis eenyu? Lafa Investimentiif kennamu kan murteessu eenyu?
  4. Investeroota Oromo tiif dursa kennuuf karoora qabdu? Hanga amma Oromota meeqaaf Hojii Investimentii kenitanitu. (Irra dedeebitani namoota murta’e qofa midiyaadhaan dhiyeessa waan jirtaniif qulquleeffachuuf barbadne)
  5. Investeroota Oromiyaa keessatti hayamni hojii kennamuuf irratti of-eegannoon ni godhama ( Albuudotaa fi miniraaloota abdii oromiyaa ta’an akka hin saamneef.
  6. Investerootni Oromiyaa keessatti bobba’ani faayidaa hawaasaf dursa kennu? Fakeenya-Investerii tokko albuuda dhakaa aanaa baabillee waggaa dheeraaf fe’achaa ture, garu waan xiqoo hawaasa fayadu tokkolle kan hojjete hin agarre.kan kana fakaatan baayeedha)
  7. Waa’ee misooma daandii baadiyaa yeroo kaftan daandiiwwan magaalota gurguddo godinalee fi aanaalee wal-qunnamsisan qofadha.Gaaffiin uummata oromo garu. Rakkoolee uummata baadiyaa qotee bulaa fi horsisee bula hunda biradha. Kanaafu Ibsi isin kennu qabdan daandilee godinalee fi  aanaalee wal-qunamsisan qofa oso hin taane aradaalee aanaalee keessatti argaman kan godina oromiya hunda keessatti argamu ta’u qaba. Gaaffiin kiyya gabaasni keessan aradalee, aanaalee fi godinalee Oromiyaa hunda hamachu qaba,
  8. Waa’ee misooma magaalota oromiyaa miidiyaa fi barreeffaman kan ibsamu yoo ta’e malee qabatamaan magaalotni oromotin misoome hin jiru. Kana mirkaneeffachuuf godinalee Oromiyaa hunda keessatti aanaale hunda ilaaluun gahadha.Maneen dullomani fi maqaa magaalatin gandootni xixiqqoon walitti qabamani kan jiran qofa. Magaalota guddoo aanaale jedhamani waamaman keessallee sireen cisicha kan hin jiree fi nyaatnile kan hin argamnedha. Kana misoomeera yoo jennee miidiyaadhaan dhiyeesina tahe uummata gowomsu qofa osoo hin taane of-gowomsadha.Gaaffiin kiyya- Magaalota Oromiyaa keessa jirani misoomsuuf maaltu isin dhorke? Galii dhabdani? Ogeessa dhabdani?
  9. Liiziidhan lafti kennamus namoota kaapitaala qabanii fi dorgommi mo’achu danda’an qofa akka fayyadu shakkiin hin jiru. Fakeenyaaf-yeroo Dhiyoo kana Magaala adaamaa Iddoo mana jireenyaa fi daldalaaf qopha’ee Liizidhan  namootaaf darbe keessa dhibeentaan 95 (95%) kan kenname namoota Oromo hin taaneefidha.sababiin isaas Dorgommi waan ta’eef namootni argatan namoota kaapitaalan of-gabbisanidha. Gaaffinn kiyya-haala kanaan Oromon galii jiddugaleessa qabu fi qoteebulan oromo, horsiseebulan oromo fi hojjetootni Oromo magaala galu danda’u? Yoo hin dandeenye fuula dura eenyutu magaalota Oromiyaa dhunfata jedhame yaadama?
  10. Waa’ee Dhiyeesi Bishan dhugati ilaalchise wanti hojjetame midiyaaf dhiyaachu akka hin dandeenye Oromon hundinu ni beeka. Sababiin isaas Uummatni Oromo Bishan dhugati qulqullu dhabee raakkacha waan jiruuf.Yaada kana yeroon kaasu Araddalee fi gandoota Oromiyaa keessa jiru yaada keessa galchhun waan ta’eef darbe darbe kan isin dhiyeesitan akka gaaffii fi fedhii oromotti lakkofsa keessa galu hin danda’u.Kana irratti maal jettu?
  11. Dhuma irratti Gaaffiin kiyya-Dararaa karaa adda addaa uummata Oromo irra gahaa jiru dhaabsisuuf fedhii fi dandeetti ni qabdu? Akkamitti Ibsitu?  Dararaan yoo baay’ate Nagaan ni dhufa jetani yaadu? Misoomnis ni argama jetani yaadu?
  12. Gaaffii Michoota Obbo Muktariitiif ( EPRDF)- Uummatni tigiray sirna dargiitin yeroo ajeefamu fi dararamu qabsoo isaani Cimsanimo ni kufani? Deebii isaa aniyyu deebisu danda’a- qabsoo itti cimsani gara aangooti dhufani. Garu Isin maaliif kana irra hin barane? Amma yoom baratu?
  13. Finfinnee keessatti yeroo durii irra eegalee sirnoota darbaniin Galmootni ijaaramani tajaajila kenna jiran baay’edha. Lakkoofsi isaanis 20-30 ol ta’u danda’u. Galmootni kun hundinu qabeenya Uummata Itoophiyaa mara irra walitti qabameen ijaarame. Irra caalaa immo qabeenya Oromiyaati. Gaaffiin kiyya- DH D U On wagoota 23 oli Galma aadaa Oromo itti gudifnu Finfinnee keessa waan hin qabneef Galma aadaa Oromo haaraa ijaara jira jecha turani. Galmootni baay’een finfinnee keessa jiran maaliiff Oromiyaaf hin qoodamne? Oromon akka galmoota kanatti hin fayyadamne Minilikii fi Haayile silaseetu Abaaree ykn akeekkachise du’eera? Finfinneen Galma aadaa Oromiyaa dhorkate Oromiyaa Misoomsuuf faarsa jirti? Kun Dhugaa fakaata? Kaneen maqaa Oromotin Finfinnee bulchaa turan jedhaman dhugaan Kun maaliif Isaan jala dhokate?
Deebii keessan Oromo hundatu eegata yoo dandeessan nuuf deebisa yoo dadhabdan calisa afaan qabadha

Gaaffii Oromoti

No comments:

Post a Comment