XALAYAA BARATOOTA OROMOO MANA HIDHA JIRAN IRRA DHUFE: "Amma Maloo Dammaqaa Yaa Ilmaan Oromoo!!!!"

Caamsaa 16, 2014

Egaa amma maloo dammaqaa yaa ilmaan Oromoo. Ijooleen Oromoo heddun isaanii mana hidhaa kessatti yeroo ammaa kana dararama jiru. Yaa saba Oromoo maaloo wal irratti hin callisinaa dhuga isiinin jechuf hidhan nu irra gahe kun haala kanaan itti fufnaan isin irras gahun isaa hin oolu.

Hidhamuuf Du’uun kenyaa isiniif malee ofii kenyaaf miti, lakki yaa saba kenyaa. Dhiigni Kenya akka tasaa dhangala’aa jiruu Kun isinitti haa dhagaamu. Oromoon durii kaasee hanga ammaa kanatti Dhiitamaa, Hidhamaa, D­ u’aa, biyya isaa kessa Ari’amaa jira... siniif haa galtu maaloo carran hidhamuu keenya hara kun bor immo kessan ta’uuf deemtii. Sin hara’a mana kessan tessanii kolfuu, tapachuun, hirriba naga rafuun kessan wanta nuffif, tuffin jiruuf malee wanta mootumman wayyanee isin kabajee isinitti hin fakkatin!!!!!!!!

Egaa dubbin barattota Oromoo mana hidhaa kessaa jiran kan magaala Naqamteetii hidhaman kessa baratonni WOLLEGA UNIVERSITY kudhan (10) halkaan walakkaatti mana hidhaa kessa fudhataman achii buteen isaani dhabamee jiraa. Yerro amma du’uuf jirachuun isaanii wanti beekamuu tokkoille hin jiruu. 

Haluma wal fakkatuun barattonni mana barumsaa 11ffa fi 12ffa baratan:-

  • Barata Tasfayye Tufaa fi 
  • Barattu Boontuu Hayiluu fi 
  • baratoota kan biraa saddet (8)
Immoo mana hidhaa duwwaa kessatti qofaa isaanii harkii fi milli isaanii hidhamee hidhamanii jiru....kana irratti reebichii sukkanessan irratti rawwacha akka jiru nuuf barresaniiru.......kanaaf maaloo adaraa kesaan ekeraan gootota Oroomoo durii ille akka nu hin tajjabneef Oromoonii adunyaa kana irra jirtan hundi kessan dammaqoo ta’aa. 

Barattonii eesa akka bu'aan hin beekamnee 50 ol ta'aan, achi kessas durbi 13 fi hojjetonni immo 7 isaan keesas durbii 3,...halkan saati 3:30 irratt nu biraa fudhatamaniiru. Kana malees mucaan Oromoo kan MEDICINE Baracha jiruu tokkos manuma hidhaa kana kessatti reebichi hamaan irratii rawwachaa akka jiru ijaa kootin argeen jira......wanti nama gadisiisu magalaa Nekemtee kessa qofa dhienya kanatti namoonii 250, dhibba lamaaf shantama ta’an yeroo amma kanatti mana hidhaa akka seenan beekamaa dha.......... kanaaf yaa saba koo calisuun furmaata nuuf hin ta’uu.......isiin warrii bakkee jirtan maliif callistuu ree??? gaffii kana isinumaafan dhiisaa..... "Dhiignii kenyaa bishaan dhugdan issinitti haa ta'uu".
NUTII BARATTONNI HIDHAMNEE QABENYII KENYAA SAMAMUUN ISAA SIRRI MITII JENNE TU KAN AKKAS TAANEE.
NAMNII BARREFAMA KANA ARGE IMAANAA GUDDAAN SITTI AKKA KENNAMEETTI ILMAAN OROMOO HUNDATTI AKKA HIMTU, DABARSITUU, ADERAAN JEDHA. 
DHUMA IRRATTI BARATOOTA ARMAAN GADII HARKA MOOTUMMA FEDERALATTI KENNAMUUF JEDHU; 

  1. Chalaa Fekaduu Gashe Kutaa 12ffaa 
  2. Chalaa Fekaduu Rajoo Kutaa 12ffaa
  3. Nimoonaa Kebede Wollega University 5th year law student 
  4. Moi Bon Misganuu Wollega University
  5. Abdii Gaddisaa Kutaa 12ffaa
  6. Abel Dagim Kutaa 12ffaa
  7. Qalbessa Getachew Kutaa 12ffaa 
  8. Mulgeta Gemechu Kutaa 12ffaa; 

NUUF DIRMADHAA JEDHUU !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!"

*ARIITII DHAAN WAANAN BARRESSEF DOGGONGORRAA HUNDA ISAAF DHIIFAMA.

No comments:

Post a Comment