Waraanni fi Humna Tikaa Wayyaanee Dadhabnaan Muktaar Kadirii fi Kaabinoonni Wayyaanee Ambotti Duulan

Caamsaa 14, 2014 | Gabaasa Qeerroo Amboo

Dabbaalleen EPRDF fi ergamaan TPLF Muktaar Kadir maqaa walgahii dabbaloota OPDO jedhuun FDG dura dhaabbachuuf jecha Caamsaa 13/2014 kaabinoota OPDO heddumminaan qabatee humna waraana Wayyaaneen waliin qindaawuun magaala Amboo seene.
Amboo erga seenaaniin hanga ammaatti uumata Oromoo nagaa fi dargaggoota magaala keessatti argaman irratti reebichaa fi goolii uumuun kaan ammo mana hidhaatti guuraa jiru. Deggertoota EPRDf kanneen ta’anii fi namoota hojii dhablee ta’aniin ammo nama tokkotti 250 hiruun akka master plan Finfinnee daggeranii hiriira bahaniif kaadhimmachaa akka turan beekama.

Haala kanaan erga Muktar Kadir magaala Amboo seenee barattootii fi uumanni nagaan hidhaman keessaa:-
  1. Barsiisaa Shallamaa Jifaraa, reebichaa hamaan irra ga’ee hidhaa jira.
  2. Barsiisaa Naahimii Waaqumaa
  3. Barsiirsaa Wakjiraa Marabbaa
  4. Barataa Qananiisaa Raggaasaa, muummee bioprocessing wagga 4ffaa.
  5. Waaqumaa Dhaabaa mummee seeraa waggaa 3ffaa
  6. Kadir Qamar Civil engeenering wagga 3ffaa
  7. Damee Girmaa mummee Cooperative waggaa 3ffaa,
  8. Mardaasaa Simee barataa kutaa 11ffaa
  9. Imaanaa Karaa daldalaa magaalaa Amboo, kanneen keessatti argamu.
Yeroo ammaa kanatti manneen hidhaa gurguddaan Amboo fi naannoo Amboo ti ilmaan Oromoo julmaan itti hidhamaa jiran:
  1. Galma mootumma Magaalaa Amboo ganda o1. Kessatti argamu
  2. Wajjiira Poolisii Godina,
  3. Buufata Leenjii Poolisoota Sanqallee,
  4. Hoomachoo,
  5. Gamoo Ababech Mattaafara ganda 02 keessatti argamu., Under ground gomoo sana jalatti oromoon hidhamaa jira.
  6. Mana Hidhaa guddaa(Kachaallee) kanneen jedhaman keesatti ilmaan Oromoo jumlaan uukkanfamnii hidhamaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.

No comments:

Post a Comment