Statement from the Oromo Women National Union for Liberation (OWN-UL)

The Following is a statement in Afan Oromo, and English from the Oromo Women National Union for Liberation (OWN-UL)
TO READ THIS STATEMENT IN ENGLISH CLICK HERE
Seensa
Dhiibbaan mootummaan wayyaanee Impaayera Itoophiyaa keessatti gaggeessaa jiru, haala yeroo kamuu olitti hammaachaa dhufuu fi rakkoowwan hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee biyya kana keessatti daran hadhaawaa dhufuun beekkamaa dha. Sababaa kana irraan gaaffiiwwan mirgaaf waggaa dheeraa qabsaawaa kan turan sabawwan cunqurfamoo mara irraa addatti ammo duguuggaan sanyii irratti tooftaan bara baraan gaggeeffamaa kan jiru uummata Oromoo irraa qabsoo finiinsuttu eegama. Haala kana hubachuudhaan nuti shamarran Oromoo golee Oromiyaa mara keessaa harka wal qabachuun dirqama QBO nu irra jiru bahuuf maqaa fi loogoo armaan oliin hiriiruun gaaffii mirgaa finiinsuu fi dirqama haala yeroo kamuu olitti bahuuf ijaaramuu keenya labsina.

Haallen dirqama kanaaf haamileen ka’uuf kan nu kakaasani fi dirqisiisan keessaa gariin:
  1. Gaaffiileen mirgaa biyya Itoophiyaa jedhamuun waamamtu kana keessatti gaafataman hundaaf deebiin hidhaa, ajjeechaa, qe’ee irraa arii’amuu fi himannaan shororkeessumaa daangaa darbe haala yeroo kamuu olitti ilmaan Oromoo irratti jireenyi hammaachaa waan dhufeef;


  2. Addatti ammoo Shamarran Oromoo cunqursaa fokkisaa jarraa tokko fi walakkaaf irratti sababa dubartii tahaniif addatti bifa natii hin qabneen bara baraan tarkaanfii suukanneessaa mootummaan Itophiyaa irratti fudhatuu galmeen qabuu fi addunyaa fi Oromoo irratti saxiluun barbaachisaa waan taheef;

  3. Rakkoolee hawaasummaa, hojii dhabdummaan, qaala’insi jireenyaa rakkoo siyaasaa hundee godhate daran ulfaataa waan taheef;

  4. Mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa akka kabajamu daran qabsoo finiinsuu malee filmaatni biraa waan hin jirreef;

  5. Qabsoo Walabummaa fi bilsummaa Oromoo keessatti hirmaannaan shamarran Oromoo qooda qabaachaa turee fi itti jiru daran jabeessuunii fi fakkeenya biyyoottan shamarran abbaa irrummaa of irraa darbuun hiree murteeffannaa kabajsiisanitti hubachuun bifa jarmayaan socho’uun barbaachisaa waan taheef;

  6. Sagaleen uummata Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo mootummaa abbaa irree wayyaanee jalatti ukkaamsamuun jiru miidiyaalee addunyaa hammachuun akka ifa bahu irratti qabsaawuun yeroo kamuu caalaa ifaa waan dhufeef;

  7. Qabsoo ummtootaa fi mirga Oromoo gufachiisuuf humnootni munyuqan miidiyaa alaa fi mootummaa irraatti olola afaan faajjiin ummata keenya keessa oofuun waan lallabaa jiraniif ammoo keessi jireenya ummata cunqurfamoo hundi kan isaan lallaban irraa fallaa waan ta’ee jiruuf ifatti ummataaf barnoota fi odeeffannoo dhugaa kennuun ijaaramuun mirga isaaf akka fallamatu gochuuf;

  8. Gaaffii mirgaa fi dimokraasiif Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroon Bilisummaa) itti jiru cinaa dhaabbachuun shamarran qooda qabsoo jabinaan akka bahan irratti hojjechuuf;

  9. Saaminsa, duguuggii sanyii, faalama qilleensaa fi cirama bosonaa, qe’ee irraa buqqa’insa, hidhaa, ajjeechaa fi hammeenya uummata Oromoo fi ummata cunqurfamaa kamuu irratti hojjetamu dura dhaabbachuuf;
Qabsoo waliigalaa keessatti qooda ol aanaa kennuuf ijaarmuu keenya irra deebiin labsina. Jarmayaa keenya kana jabeeffatuun humnoota QBO fi warraaqsa haqaa galiin gahuuf socho’an hunda waliin tahuun wareegama kamuu baasuuf qophii tahuu keenyas beeksifna.

Qabsoo Keenyaan Mirga Keenya ni Mirkaneessina!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Oromo Women National Union for Liberation

July 11, 2013

Email: hawine342@gmail.com

No comments:

Post a Comment