Dulli Duguuginsa Sanyii Jaarraa Tokkoo Oliif Osoo Wal Irraa hin cinne Ummata Oromoo Irratti gaggeeffamaa jira

Caamsaa 31, 2013 | M. Seenaa Irraa

Afaan Ingilizin Duubisuuf Addana Tuqaa

Duulli Duguungsa Sanyii mootummoota Habashaatiin ummata Oromoo irratti gaggeeffamu tooftaa fi bifti isaa haa geeddaramu malee, jaarraa tokkoo oliif osoo wal irraa hin cinne gaggeeffamaa jira. Akkuma irra deeddeebifamee seenaa keessatti kaafamu Oromoon weerartoota Habashaa osoo ofirraa loluu humna meeshaa hammayyaan caalamee cunqursaa jalatti kufe.

Erga gaafa cabee biyyi isaa weeraramee bulchiinsa alagaa jalatti kufee hanga har’aatti tasgabbii argatee hin beeku. Mootummoota humnaan cabsanii isa weeraraniin goochi duguugnsa Sanyii seenaan hin daganne irratti raawwatameera. Loltoota Minilik irraa kaasee hanga hidhattoota Wayyaanee har’aatti. Gochaa gara jabinaan guutame hedduutu Oromoo irratti raawwatame.Kanneen baroota dheeraa dura raawwataman akkuma seenaatti olkaawwannee wantoota bara mootummaa Wayyaanee kana keessa raawwatamanii fi hanga har’aan tanaatti raawwatamaa jiran haa laallu.
  1. Duula Duguuginsa Sanyii godina baha Wallaggaatti bara 2008 irraa kaasee gaggeeffamaa jiru.

    Caamsaa 17 bara 2008 keessa ture ilmaan Oromoo 400 ol tahan hidhattoota Gumuz mootummaa Wayyaaneetiin leenjii waraanummaa fudhatanii fi hidhachiifaman weerarri irratti gaggeeffamee qe’ee isaanii keessatti kan jumlaan ajjeefaman. Hidhattoonni Gumuz meeshaalee waraanaa AK 47 irraa kaasee hanga meeshaalee gurguddaatti hidhachiifaman godina baha Wallaggaa onoota garaa garaa keessattuu ona Saasiggaatti bobba’uun qe’ee Oromoo weeraran. Ummata meesha maliyyii irratti dhukaasa roobsan. Hidhattoonni deeggarsa guutuu mootummaa Wayyaanee irraa argatan kunniin lola Caamsaa 17 irraa kaasee ummta Oromoo godina baha Wallaggaa irratti bananiin battalumatti lammiilee Oromoo 400 ol tahan galaafatan. Kanneen dhumatan keessatti kan argamanis irra guddaan daa’immanii fi dubartoota.

    Namoota 400 dhumataniin gamatti, kanneen lakkoofsa guddaa qaban ammoo akka hamaa madaa’an. 12,000 ol ka tahan ammoo qe’ee fi qabeenyaan isaanii gadhiisanii gara magaalaa Naqamteetti godaanan.

    Qabeenyaa maallaqaan shallaguuf nama rakkisu hidhattoota ummata Oromoo irratti duulchifaman kanneeniin saamame, barbadaa’e. Namoota dhibba afran ajjeefaman keessaa kanneen akka ilma namaatti seera awwaalcha argatanis hin jiran. Hedduun isaanii erga meeshaalee waraanaatiin ajjeefamaniin booda haala nama suukkanneessuun ableen gurra’amanii mormi irraa cirame. Awwaalcha dhoowwatamanii allaattii fi waraabeessi itti bahee nyaate. Oggaa kun hundi raawwatamu mootummaa naannoo kan ofiin jedhu OPDOs tahee biyyan bulchaan jira kan jedhu IHDG afuura hin baafanne. Sababiin isaa ammo tahe jedhanii ummata Oromoo irratti duula banan waan taheef. Akka seera Itoophiyaa maqaaf barraa’eetti meeshaan waraanaa ummata Civil dhaaf hin hayyamamu.

    Hidhattoonni Gumuz garuu meeshaa waraanaa gurguddaa kan mootummaa qofaan tohatamu hidhatanii ummata Oromoo irratti ajjeechaa Jumlaa raawwatan. Hunda caalaa kan nama raaju ammoo lammiileen Oromoo ajjeechaa Jumlaa kanaan dhumachuu, madaa’uu, qabeenyaan jalaa saamamuu fi barbadaa’uun, akkasumas qe’ee isaaniirraa buqqifamanii godaanuun itti xiqqaatee lola kana isintu kakaase jedhamanii manneen hidhaatti guuraman. Mootummaan Wayyaanee hammeenya naannichatti raawwatu kan hanga har’aatti addaan hin kunne.

    Bara 2010, bara 2011 fi 2012 keessattiillee duulli wal fakkaataan ilmaan Oromoo irratti gaggeeffameera. Tuttuqaan ummata Oromoo naannichaa irratti gaggeeffamu hanga har’aatti itti fufee jira.

  2. Weerara hidhattota Somaalii Kibba Oromoo magaalaa Mooyyaalee.

    Mootummaan Wayyaanee duula isaa itti fufuun, Waxabajjii 27 bara 2012 keessa Kibba Oromiyaa godina Booranaatti magaalaa Mooyyaaleetti hidhattoota Somaalii bobbaasuun ummata Oromoo irratti weerara bansiise. Kanneen maqaaf Poolisoota naannoo Oromiyaa jedhaman dabalatee namoonni 50 ol duula hidhattoota Somaalii mootummaa Wayyaaneetiin deeggaramaniin ajjeefaman. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman madaa’anii, kumootaan kan lakkaawaman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii akka godaanan taassifaman. Dhaabbileen dhuunfaa fi kan mootummaa tarkaanfii kanaan barbadaa’an. Hanga hidhattoonni Somaalii biyya weeraranii, lubbuu lammiilee galaafatanii fi qabeenyaa barbadeessan mootummaan Wayyaanee akka waan quba hin qabneetti taa’ee ilaale. Akkuma aadeffate boodarra isintu lola qabsiise kan jedhuun lammiilee Oromootti garagalee mana hidhaatti naqe. Hidhattoonni isaa osoo hin hafiin maaliif ummata waliin dhaabbattanii Somaalota loltan kan jedhuun manneen hidhaatti guure.

    Kana Malees mootummaan Wayyaanee Kibba Oromiyaatti Gosoota Garrii, Gabraa, Ajuuranaa fi Oromoota Booranaa walirratti kakaasuun dhumaatii lubbuu guddaa naannicha dhaqqabsiiseera. Qabeenyaan ummataa maallaqa guddaan shallagamu yeroo garaa garaatti saamameera, barbadaa’eera. Duulli gosoota xixxiqaa hidhachiisanii Oromoo irratti duulchisuu kun ammallee naannichatti bal’inaan itti fufee jiraachuun beekamaadha.

  3. Duula baha Oromiyaatti gosoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruu fi lubbuu lammiilee Oromoo 37 ol galaafate.

    Mootummaan Wayyaanee irra deddeebi’uun baha Oromiyaa keessatti Somaalota abjuu bara dheeraa kan lafa Oromoo dhaaluu qaban hidhachiisee ummata Oromoo irratti duulchisaa jiraate. Kanaanis lubbuun namaa bade, qabeenyaan barbadaa’e kan salphaatti ilaalamu miti. Baha Oromiyaa onoota akka Mi’eessoo, Jaarsoo fi Anniyyaa faa keessatti milishoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin lolli guddaan ummata Oromoo irratti banamee jira. Duula qindaa’aa kan mootummaa Wayyaaneen karoorfamee erga barri 2013 seenee hanga ammaatti osoo walirraa hin cinne baatileef baha Oromiyaatti ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kanaan lammiileen Oromoo 37 ajjeefamaniiru. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman ammo ni madeeffaman. Akkumas 20,000 kan tahan qe’ee fi qabeenyaa isaanii gatanii godaananiiru. Akkasumas beeladoonni manaa 700 ol tahan ummata Oromoo irraa saamamaniiru.

    Lolli gaggeeffamu kun maqaa walitti bu’iinsa daangaa jedhuun humnoota badii mootummaa Wayyaaneetiin kan qindeeffame oggaa tahu, loltoonni Wayyaanees hidhattoota Somaalii duubaan goranii ummata Oromoo lolaa akka jiran ragaaleen qabatamaan ni jiru. Tarkaanfiin faashistummaa
    mootummaa Wayyaanee kunis duula duguuginsa Sanyii irraa adda baafamee kan ilaalamu miti.

  4. Duula Amaarota maqaa “Liyyuu Poolisi” jedhuun ijaaramaniin Oromoota Karrayyuu irratti baname.

    Godina baha Shawaa naaannawaa Karrayyuu keessatti lolli bifa qindaaween Oromoota Karrayyuu irratti gaggeeffamaa jirus qaama duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti gaggeeffamuuti. Naannoo kanatti mootummaan Wayyaanee maqaa “Liyyuu Poolis” jedhuun dhalattoota saba Amaaraa qofa irraa kan ijaaraman daangaa Oromiyaa fi Amaaraa gidduu qubsiise ture. Ragaaleen bahan akka mirkaneessanitti naannoo kanatti bara Minilik irraa kaasee hanga har’aatti lolli addaa hin cinne gaggeeffamaa jira. Qaamni “Liyyuu Poolis” kun ammo Waldaa Dargaggoota Ona Minjir jechuun waraana biraa ijaaree duula bal’aan kan Oromoo lafarraa buqqisuu adeemsisaa jira. Naannoo kanatti mooraan leenjii bal’aa fi guddaa tahe banamee dargaggoonni Amaaraa leenjii waraanummaa itti fudhataa jiru. Bishaan jallisii mootummaan naannoo Oromiyaa jedhamu saniin tolfame ummata irraa ittisanii, waraanni irra qubsiifamee daldala horii, akkasumas oomisha kuduraa fi muduraa irratti bobba’anii jiraachuu gabaasaaleen ni addeessu. Waraanni naannicha qubates baatii baatiidhaan ummata kiloomeetira 20 ol dhiibaa jira. Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu OPDO poolisoota naannoo Oromiyaa bakkichatti geessuun qubattoonni Amaaraa kanneen laficha irraa akka buqqan gochuuf yaalus lola irratti banuun poolisoota naannoo Oromiyaa irraa lama ajjeesan. Yeroo irraa gara yerootti dhalattoonni Amaaraa naannichatti walitti qabanii leenjii waraanummaa kennamaafii jira. Ummata irratti shaakaalaa akka jiranis barameera. Waraanni Amaarota irraa ijaarame naannicha qubsiifame kun lola yeroo garaa garaatti ummata irratti gaggeesseen waggaa tokko keessatti lammiilee Oromoo 76 ajjeesuutu ibsame. Kanneen keessaa 6 dubartoota oggaa tahan, 3 ammoo daa’imman. Loltoonni Amaaraa kanneen bakka lammiileen horii tiksanitti baleen gurra’anii akka ajjeesanitu gabaafame. Namoonni ajjeefaman torbaatamii jahan kanneen ajjeefamamii bosonaa fi karaa itti gataman. Kanneen bkka buuteen isaanii dhabame ammo 10 ol tahu.

    Humni dhalattoota Amaaraa irraa ijaarame kun erga leenjii isaa xumurateen booda horii ummataa saamuu irratti akka bobba’e gabaasaaleen naannicha irraa argaman ni addeessu.

    Haaluma kanaan loon, re’eelee fi harroonni kuma dhibbootaan lakkaawaman gandoota akka Dhibeettii, Qararrii, Haroo Qarsaa, fi kanneen biro keessaa humna “Liyyuu Poolisi” jedhamu kanaan ummata Oromoo irraa samaman.

    Walumaagalatti duulli gama hundaan ummata OROMOO irratti gaggeeffamaa jiru kun fala hatattamaa barbaada. Gochaan bakkoota hundatti adeemsifamaa jiru kun duula duguuginsa sanyii irraa adda bahee hin laalamu. Sochiin wal fakkaataan godinoota Oromiyaa hunda keessatti adeemaa akka jirus beekamaadha. Kanaaf ilmaan Oromoo waliif dirmachuun duula hammeenyaan guutame kan mootummaa Wayyaaneen qindaa’e kana ofirraa ittisuudha qaba jenna. Dhaabbileen kabajamuu mara dhala namaaf dhaabbatanis duula Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kana quba qabaatanii akka dirmatan dhaamna.
Injifannoo Ummata Oromoof

M. Seenaa

Caamsaa 31, 2013

No comments:

Post a Comment