Tarkaanfiin Abdii Kutannaa Mootummaa Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Daranuu Akka Shaffisu Dhiiba- Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

ADDA BILISUMMAA OROMOO                
OROMO LIBERATION FRONT   
የኦሮሞ ነፃነት ግንባር                            

Gaafa: 05-01-2013
Lakk.:01/stm-abo/2013                                                                          

To read the amharic version of the statement Click Here

Tarkaanfiin Abdii Kutannaa Mootummaa Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Daranuu Akka Shaffisu Dhiiba

Amajjii 2, bara 2013 irraa eegalee Yuniversiitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 4 fi Kiiloo 5 keessatti barattoonni Oromoo fincila qabsiisanii akka jiran beekamaa dha. Fincila barattoota Oromoo kan duraanuu yeroo dheeraaf Oromiyaa mara keessatti deemaa turetu mooraalee yuniversiitii Finfinnee kana keessatti daranuu jabaatee guyyaa eerame kanatti bifa addaatiin dhoowe. Ergamtoonni sirna Wayyaanee akkuma yeroo dheeraaf aadeffatan barruu Oromoo fi Oromummaa arrabsuu fi salphisu mooraa Kiiloo 4 keessatti maxxansuu isaaniitti fufee kan dhoowe fincilli barattoota Oromoo kun yeroo ammaa gara dhaabbiilee barnootaa biyyattii adda addaatti akka babal’ataa jirus beekamaa dha.

Barattoonni Oromoo kabajaa maqaa saba isaanii tiksuuf jecha Fincila Diddaa Gabrummaa kana qabsiisan wareegama u’ulfaataa kafalaa jiru. Odeessi hanga ammaa jiru akka hubachiisutti, barattoonni Oromoo dhibba tokkoo ol tahan kabajaa maqaa saba isaanii tiksuuf jecha mormii qaban waan dhageessisaniif qofa yakkamanii hidhamaniiru. Kana keessaa gariin akka hamaatti reebamanii qaamaa miidhamaniiru. Gariinis bakki bu’an hin beekamne. Kan arrabsamu Oromoo, kan hidhamus Oromoo, kan reebamus Oromoo dha.

Mootummaan Wayyaanee tooftaa dullacha wal fakkaataa kanaan baroota dheeraaf barattoota Oromoo fi barattoota Habashaa gidduutti ibiddi walitti bu’iinsaa akka qabatu irratti hojjechaa turuun beekamaa dha. Akeekni tooftaa kanaa yaadaa fi bifa Fincila Diddaa Gabrummaa kallattii isaa jijiiruu dha. Yeroo barattoonni Oromoo arrabsoo maqaa saba isaanii irratti xiyyeeffate kana mormachuuf fincilanitti walitti guuree hidhuu fi reebuunis aadaa isaa ti. Yeroo adda addaatti barruun maqaa Oromoo xureessu wayta barreeffamee mooraa dhaabbiilee barnootaa keessatti maxxanfamu abbaa barruu maqaa saba Oromoo xureessu maxxanse san qoratee qabee seeratti dhiheessuun murtii haqaa itti kennuu mannaa, joolleedhuma Oromoo kan kabajaa sabummaaf jecha falmatan guuree hidhuu, reebuu fi barnoota irraa ari’uudhaan beekama. Tarkaanfiin harka lafa jalaatiin Oromoo arrabsiisanii ka’anii Oromoodhuma sana rukutuu kun fakkeenya diinummaa mootummaa kanaa keessaa isa guddaa tokko.

Barattoonni Oromoo dhaabbiilee barnootaa ol’aanoo biyyattii adda addaa keessaa baratan, barattoonni Oromoo kooleejotaa fi manneen barnootaa Oromiyaa mara keessaa baratan, akkasumas dargaggoonni fi murni hawaasa Oromoo kamuu fincila barattoonni Oromoo Yuniversiitii Finfinnee qabsiisan kanatti dirmatanii falmaa kabajaa sabummaaf godhamaa jiru jabeessuu fi mirga abbaa biyyummaa isaanii gonfatuuuf harka wal qabatanii socho’uu qaban. Mootummaan Wayyaanee ofumaaf Oromoo arrabsiisaa deebisee Oromoodhuma rukutuu itti fufu akka hin dandeenye hubachiifamuu qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii shiraa fi hammeenyaa kan sirni Wayyaanee Oromoo fi Oromummaa salphisuuf fudhatu hundumaa gad jabeessee balaaleffata. Tarkaanfii kanaafis deebii gahaan ni kennamaaf. Gochaan akkasii kun qabsoon Oromoo sirnicha of irraa kaasuuf geggeeffamaa jiru daranuu akka jabaatee umrii itti gabaabsu kan ariifachiisu tahuu mirkaneessinaaf. Hamilee Oromoo cabsees kan hin callisiisne tahuu Wayyaaneetti himuu barbaadna. Barattoonni sababaa kanaan qabamanii badii tokko malee hidhaman hatattamaan akka hiikaman, kan reebichaan miidhamanis waldhaansa barbaachisaa fi beenyaa hamilee akka hatattamaan argatan akeekkachiifna. Qaamni barruu ummata Oromoo arrabsu tahe jedhee barreessee maxxanses seeratti dhihaatee murteen jabaan kabajaa saba Oromoo madaalu akka irratti dabruu qabu akeekkachiisa.

Ummatni Oromoo harka wal qabatee roorroo bara baraa kanatti daangaa dhumaa itti gochuuf akka socho’u gadi jabeessinee wamicha dabarsina.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Amajjii 5, bara 2013

No comments:

Post a Comment