Gabaasaa Tarkaanfii WBO (Mudde 15 hanga Amajjii 15)

20 Amajjii 2013
To read the English version Click Here
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Humni Addaa WBO baatii Muddee fi Amajjii kana keessa tarkaanfiilee waraanaa bifa adda addaatiin mootummaa Wayyaanee irratti fudhateen miseensota waraanaa fi ergamtoota sirnichaa walumaa galatti namoota 58 hojiin ala taasiseera. Kana keessaa 37 kan ajjeefaman yoo tahu 21 ammoo madoo dha. Qabeenyaa sirnichaa keessaas konkolaataalee 5 olii fi qabeenyaawwan bifa biroo heddus barbadeesseera.

Haaluma kanaan, Muddee 24/2012 Godina Wallaaggaa Bahaattii Humni Addaa WBO Ona Guutoo Waayyuu keessatti qabeenyaa dabballee mootummaa Wayyaanee kan golgaa investerummaatiin naannicha keessatti saamicha geggeessu guutummaatti barbadeesseera.Dabballichi Tasfaayee Dabre Tsiyoon jedhamu kun maqaa investerummaatiin ganda Lalii jedhamu keessa kan qubate yoo tahu, yeroo garaagarattii ummata Oromoo lafa isaa irraa buqqisisee ofii dhaaluun ummata miidhaa ture. Tarkaanfii qabeenyaa isaa irratti fudhatameenis midhaan salliixaa fi boqqoolloo gabaa alaaf qophaawaa ture kuntaalota dhibbaan lakkaawamu konkolaataa itti feámee jiru waliin barbadeeffameera. Konkolaataaleen lamaan tarkaanfii kanaan barbaadeffamanis kan kodiin gabatee isaanii inni tokko 04397 fi kan lammata immoo 01396 tahuun mirkanaaweera.

Haaluma wal fakkaatuun gaafa Mudde 25/2012 Harargee Dhihaa ona Doobbaa Biyyoo Karaabaa keessatti lukkeelee diinaa tahuun kanneen gorsi kennemeefi diduu bira dabranii Oromticha nagayaa Zaakir Ahmad jedhamu ajjeesan irratti humni addaa WBO tarkaanfii fudhateen lukkeelee yakka san raaw’atan sadi irratti tarkaanfii maayyii fudhateera. Lukkeeleen tarkaanfii kanaan ajjeefaman:

  1.Ussoo Soolee,

  2.Ahmad Awal fi

  3.Abdii Alii jedhamu

WBOn Godinaa Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun guyyaa itti aanu Mudde 26, 2012 Harargee Bahaa Gaara-Mul'ataa naannoo Gurawaa karaa makiinaa Gurawaa fi Baddannoo wal qunnamsiisu irratti humna dhiheessii waraana diinaa irratti haxxee hidhuun tarkaanfii fudhate. Tarkaanfii kanaanis konkolaataaleen loojistika waraanaa diinaa lama ba’aa itti fe’amee jiru waliin hoggasuma daareffamaniiru.

Guyyaa itti aanu Mudde 27, 2012 Harargee Bahaa Ona Calanqoo bakka Saarkama(Dirre Dhawaatti dhihoo dha) jedhamutti humni WBO humna diinaa kan sakattaaf boobba’e irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen diinarraa 11 ajjeefamanii 5 madeeffamuun mirkanaaweera. Tarkaanfii kana keessatti gama WBOtiin jaallan 2 madaawaniiru.

Kun kanaan osoo jiruu Humni Addaa WBO Zoonii Dhihaa gaafa Amajjii 5, bara 2013 dabballee fi basaasa sirna Wayyaaee kan yeroo dheeraaf ummata hiraarsaa ture irratti tarkaanfii maayyii fudhateera. Dabballee fi basaasni diinaa kan maqaan isaa Fiqaaduu Siyyum jedhamu kun osoo motorsaaykilaan magaalaa Neqemtee irraa ka’ee garaa ona Jimmaa Arjootti deemaa jiruu Gatamaa Beesee fi Jimmaa Arjoo gidduu bakka magaalaa Neqeemtee irraa kilo metira 14 fagaatee argamu irratti humna Addaa WBOtiin du’aan adabame. Basaastota hojii ummata nagaa doorsisuu fi hiraarsuu irratti bobba’an biroo irrattis tarkanfiin fakkaataan cimee kan itti fufu ta'uu ajajni WBO Godinaa Dhihaa akeekkachiiseera.

Haaluma wal fakkaatuun WBOn Baha Oromiyaa keessa sossoú gaafa Amajjii 2, bara 2013 Harargee Dhihaa ona Bookee bakka Burqaa Diimtuujedhamutti humna diinaa kan sochiirra ture irratti haxxee hidhuun tarakaanfii haleellaa irratti fudhateen diinarraa 8 ajjeesee 5 madeesseera.

WBOn godinaa kanaa tarkaanfii isaa itti fufuudhaan gaafa Amajjii 5, bara 2013 Harargee Dhihaa Ona Bordoddee keessatti humna diinaa kan Awaashii fi Bordoddee gidduu deddeebi’ee hojii sakattaa irratti bobba’e daandii Finfinnee geessu irratti haxxee itti hidhuun rukute. Tarkaanfii kanaanis diina irraa 6 bakkatti yoo ajjeefaman, konkolaataan diinni ittiin deemaa tures walumaan daareeffamteetti. Humni diinaa hojii sakattaa waraanaa (patrol) geggeessaa ture kun maqaa ‘humna addaa’ jedhuun ajajoota isaa biratti kan beekamu tahuun barameera. Tarkaanfiin fudhatame kunis maqaa ‘’Operation Gammachuu Abdii’’ jedhuun moggaafameera.

Haaluma wal fakkaatuun, gaafa Amajjii 8, bara 2013 Harargee Dhihaa magaalaa Mi'eessoo keessaa bakka Buttujjii jedhamee beekamutti qondaaloota diinaa kan bakka sanitti bashannanaa turan irratti humni addaa WBO tarkaanfii haleellaa fudhateen 7 irraa ajjeesee 5 ol madeessuu ajajni WBO Godinaa Bahaa gabaasee jira. Tarkaanfiin kunis ajaja dhaaba irraa kennameen maqaa “Operation Gammachuu Abdii” jedhuun akka moggafame ajajaan WBO godinichaa beeksiseera. Tarkaanfii irratti fudhatame kanaan kan aare humni diinaa ummata nagaa naannichaa irratti haluu bahachuuf jecha namoota kudhanoota hedduu qabee hidhaa jiraachuunis beekameera.

Guyyuma tarkaanfiin waraanaa Baha Oromiyaa keessatti fudhatame kana (Amajjii 8/2013) Dhiha Oromiyaa Godina Wallaaggaa Bahaattis halleellaa Humni Addaa WBO fudhateen dabballee fi basaasni diinaa guddaan tokko rukutameera. Wallaagga Bahaa Onotaa Diggaa Saasiggaa bakkaa Baloo Jaagaanfooyii Fi Haroo Limmuu keessatti humna diinaa bobbaa'ee argamu keessaa basaastichi Ababee Xiitaa jedhamu tarkaanfii WBOtiin ajjeefameera. Basaastichi kun qubsuma isaa magaalaa Neqemtee godhachuun achi irraa gara onoota maqaa dhawaman lamaan keessatti hojii basaasummaa isaa torbaan tokkoof eega geggeessaa turee booda guyyaa olitti eerame (Amajjii 8/2013) ona Limmuu Bakkaa Tuulluu Koomaa jedhamu laga Hangar irraatti Humna Addaa WBOtiin rukutame. Waahillan lukkee kanaa kan tahan kan hojii basaastummaa irratti bobba’uuf shaakala irra turan:

1, Wandimaageenyi Alemuu,
2, Zamaadew Bayyaanee fi
3, Geetahuun Galataa, kan jedhaman dabalatee walumaa galatti namoti 6 haleellaa kanaan madeeffamuu Ajajni Humna Addaa WBO Godinaa Dhihaa beeksisee jira. Tarkaanfii kanaattis ummanni nannoo akka malee kan gammadee fi kan itti boonaa jiru ta'uus gabaasaan kun dabalee addeessa.

Tarkaanfiileen fakkatoon diina irratti fudhataman kan jabaatanii itti fufan tahuu Ajajoonni WBO godinaalee Bahaa fi Dhihaa hubachiisanii jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 17, 2013











No comments:

Post a Comment